Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Tuniiziyaa (FTF), hokkora istaadiyeemota keessatti uumamu hir’isuuf deeggartoota ‘gaarii’ jedhamaniif badhaasa maallaqaa dhiyeessuufi.
Waggootii dhiyoo keessatti sababa hokkora dabalaa dhufeen qondaaltonni poolisii miidhamaniiru, namootni hedduus to’annoo jala olfamaniiru.
Hokkara hamoo dhiyeenya uumaman keessa tokko, Shaampiyoonsi Liigii Afrikaa irratti tapha gartuu Tuniziyaa Espérance Sportive de Tunis fi kan Aljeeriyaa JS Kabylie gidduutti taasifame irratti jeequmsa uumamedha. Jeequmsa kana irratti deeggaraan magaazii mootoraan hojjetu qabatellee jira tura.
Pirezdaantiin FTF Wadiyaa Jaariyaa, ministeera biyya keessaa Tuniiziyaa, Kamaal El-Feeki waliin wal arguun hokkora uumame kana irratti marii’ataniiru.
Ibsa miidiyaa haawasummaa irratti baaseen, FTF akka jedhutti mariin kun, “ hokkora istaadiyeemota keessatti uumaman ittisuuf maloota biyyoti biroo keessatti milkaa’an adda adda akka fakkeenyaatti fayyadamuuf ilaaleera,” jedha.
Federeeshinichi, Liigii Kubbaa Miillaa Tuniziyaa waliin ta’uun, taphoota guggudooo irratti gartuu deeggaroonni isaanii “gaariidha” jedhamaniif dinaara 10,000 ykn doolara 3,330 kennuuf yaadeera.
Yoo kun milkaa’aa ta’e malli kun taphoota liigii gad aanoo irrattis hojiirra kan oolfamuu danda’a.
Badhaasi maallaqa kun maloota yeroo hedduu abbootii taayitaa kubbaa miilaan fayyadamaman kan akka addabii maallaqaa fi eegumsa dabaluu irraa kan adda ta’edha.
Ebla 29 irratti hokkora Istaadiyeemii Radees keessatti uumame hordofee, gartuun wagga afuriif chaampiyeena Afrikaa ture Esperance, Federeeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaan (Caf) dhorkiin istaadiyeemii itti murtaa’eera. Kana jechuun taphoota chaampiyeen liigii itti aanaan lamaan, istaadiyeemii cufamaa deeggartootni keessa hin jirree qullaa ta’e keessatti taasisu jechuudha.
Dabaluunis kilabiin ykn gartuun kun addabbii maallaqaa doolara 300,000 irratti murtaa’uun, ji’oota 12 dhufan keessatti taateen wal fakkataa kamuu yoo uumame dorgommii Chaampiyeen Liigii irra ni dhorkama.
Kilabiin Esperance yemmuu adabamu kun kan jalqabaa miti; bara darbe hokkora tapha kilabii Etoile Sportive Sahel waliin taasisan irratti hokkora uumame booda tapha lama istaadiyeemii qullaa keessatti akka taasisuuf Caf murteessee ture.
Kilabiin Espérance Sportive de Tunis maqaa masooo Dhiigaa fi Warqee (Blood and Gold) jedhamuun beekama.
Gartuuleen deeggartoota kubbaa miilaa, haala miira tapha tokko irratti ga’ee ijoo waan qabaniif, qaamoolee adda addaa kana irratti hirmaachisuun itti gaafatammoomma waloo ni uuma jedhame abdatama.
Karoora FTF keessa inni biraan anga‘oota naannoo waliin ta’uun gurgurtaan itokeetii taphaa gama interneetaan akka taasifamu gochuu fi sirna eegumsaa amma jiru qaamooolee eegumsaa dhuunfati geeddafru akka ta’e ibseera.