Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaa lamaaf gaggeeffame dhaabuuf waliigalteen Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti mallattaa’eera. Haala waliigaltee kanaattis filannoon Tigraay qofaatti gaggeeffamee ture akka fashaluufi mootummaan hundaa’es akka diigamu taasifameera.
Ammattis Naannoon Tigraay mootummaa yeroo paartiilee adda addaatiin ijaarameefi Obbo Geetaachoo Raddaatiin durfamuun bulaa jirti.
Waliigalteen nagaa Piritooriyaas aangoon bulchiinsa yeroo hundeeffameef kennee baatii jahaa hanga waggaa tokko yoo ta’u, yeroo kanattis filannoon haaraan akka gaggeeffamu murteesseera.
Naannoo Tigraayiifi eddoowwan Itoophiyaa biraa filannoon keessatti hin gaggeeffamneetti ALI bara 2016 keessaa filannoo gaggeessuuf karoorfachuu Boordiin Filannoo Itoophiyaa beeksiisun isaa ni yaadatama.
Boordichis kana kan jedhe Caamsaa darbe wayita mana maree bakka bu’oota ummataatti koree dhaabbii dhimmoota dimokiraasiif gabaasa raawwii hojii baatiiwwan salgan darban dhiyeesseetti ture.
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa waliigaltee Piritoriyaatiin booda dameen waajjira Naannoo Tigraay ALI Caamsaa 3, 2015 hojii eegaluu beeksisee ture.
Oggeessonni boordichaas dureewwan siyaasaa fi bakka bu’oota hawaasa siivilii naannoo Tigraay waliin haala filannoo itti gaggeeffamu danda’amurratti mari’achuu ibsaniiru.
Ofii Tigraayitti filannoon yoom gaggeeffamuu danda’a?
Waa’ee gaaffii seera qabeessummaa TPLF deebisuu fi kenniinsa sagalee ummataa Godina Walaayitaa yeroo lammaffaaf gaggeeffame ilaalchisuun BBC’n Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaaleessaa Birtukaan Miidhaqsaa waliin turtee taasiseera.
BBC: Dhiheenya Naannoo Tigraay dabalatee eddoowwan gara biraa sababii nageenyaatiin filannoo keessatti hin gaggeeffamiin hafeetti filannoo gaggeessuuf qophii irratti akka argamtan ibsitanii jirtu.
Fakkeenyaaf naannoo Tigraayiitti filannoo gaggeessuuf qophii akkamiituu taasifamaa jira?
Birtukaan: Gama Naannoo Tigraayiin hanga ammaatti qophiin taasifne madaallii duraa (assessment) dha.
Filannoo gaggeessuuf lafarra haalliifi qophiileen dandeessisan jiruu? Lammiileen buqqa’an gara qe’eessaaniitti deebi’aniiruu? Haalli nageenyasaa maal fakkaata? Haalli hawaasa siiviliifi paartilee siyaasaa maal fakkaata? kan jedhan xiinxaluuf garee ergineerra.
Garichis qofaa osoo hin taane waltaatota keenya hirmaachisuun xiinxala dirree taasiseera. Ragaan walitti qabne irra jiraanis amma atattamaan filannoo qindeessuuf haalli dandeessisu akka hinjirre agarsiisa.
Haa ta’u malee, haalonni ni fooyya’u jenneeti abdanna. Kanas jala jalaan kan hordofnu ta’a jechuudha.
Gama leecalloo (resource) ilaallatuun irra caalaa gama mootummaatiin rakkoon nu mudata jennee amanna. Adeemsa hanga ammaatti deemneen yeroon filannoo itti qindeessinuu akka gochaa muummee ykn dursi kennamuutti fudhatamu qabaata.
Gama filannoo Tigraayiin leecalloo (resource) rakkoo ta’a jedhee hin ilaalu. Lammiileen bilisaan yaadasaanii ibsachuuf, buqqaatonni gara qe’eesaaniitti deebi’uu akkasumas haalli tasgabbaa’aan jiraachuu qabaata.
Haalli nageenyaa amansiisaa ta’u qabaata. Qophiin paartileen filmaataaf dhiyaachuuf qabanis akkasuma. Gama paartiileetiin sochiilee hedduu agarree jirra.
Kanneen adeemsa galmeerra turan, kan adeemsii isaanii adda cite adeemsa isaanii xumuraa jiru. Paartiileen haaraanis nurraa hayyama fudhatanii galmaa’aa jiru. Adeemsi kun yeroo gabaabaa keessatti ni xumurama jennee amanna. Waldaaleen sivilii irra deebiin ofiisaanii ijaaruuf yaalaa jiru.
Haa ta’u malee, waldaaleen siviilii kan nuuf ibsan, haalli amma jiruun fuulasaanii gara filannootti naannessuuf rakkisaa akka ta’eedha.
BBC: Rakkisummaansaa kallattii maliitiin? Kallattii bu’uuraaleen misoomaa hin gutamneef immoo haala dirree siyaasaatiin?
Birtukaan: Waldaaleen Siviilii irra caalaan kan nuuf ibsan haalli buqqaatotaa filannoo irratti xiyyeeffachuuf ganaa carraa gaarii akka hin umnedha. Buqqaatonni hedduun akkuma jiranitti lammiileen deeggarsi namoomaa isaan barbaachisu hedduudha.
Akkasumas waldaaleen siviilii haala rakkisaa keessa waan turaniif ofiisaanii ijaaruu fi ummataan wal arguun marii siyaasaa nagaa ta’e taasisuuf yeroo akka isaan barbaachisu eeraniiru.
BBC: Haala waliigaltee nagaa walitti bu’iinsa dhaabuuf baatiiwwan dura taasifameen, bulchiinsi yeroo hundeeffameera.
Waliigalteen kunis baatii jahaa hanga waggaa tokkoo keessatti aangoorra akka turuu danda’u kaa’eera. Filannoon yeroo kaa’ame kana keessatti hin qaqqabu jechuudhaa?
Birtukaan: Dhuma hin qaqqabu jedhurra hin geenye. Duraanuu qophii meeshaalee taasifneerra. Gama filannoo waliigalaa ilaallatuun, dhimmoonni akka lojistikii, maxxansaa fakkaatan baayyee cimaa miti. Dhimmoonni duraan kaasee kan akka buqqaatotaa fi dhimmi nageenyaa yoo Tigraayiitti sirrate deebiifnee gara qophii filannoo fi gara raawwachiisuutti adeemna.
Haalli saffisaa itti raawwatu dandeenyu uumamuu danda’a jedheen amana. Gamaggama boordichi taasiseen yaada murtoo osoo yeroon bulchiinsa yeroo hin xumuramiiniin dura filannoon gaggeeffamu hin danda’u jedhurra hin geenye. Adeemsonni yoo jijjiiraman kan jala jalaan hordofnu ta’a jechuudha.
BBC: Haala xinxala keessaniitti amma haalli qabatamaa jiru Tigraay keessatti filannoo gaggeessuuf hin hayyamuu ykn hayyamu hin danda’udhaa?
Filannicha gaggeessuuf akka isin dandeessisuuf akka dhimmoonni saffisaniif isinii maal raawwataa jirtu? Mootummaa waliin ykn qaama gara biraa waliin hoo wanti raawwattan ni jiraataa?
Birtukaan: Gama Boordii filannootiin qophiilee raawwachu qabnu raawwataa jirra. Waajjira keenya sirriitti dandeettiisaa cimfachuu qabna. Osoo dubbannuu hojjattoonni waajjira Tigraay keenya akka Walayitaa deemuun kenniinsa dagalee ummataa irratti muuxannoo argatan taasifneerra. Gama keenyaan hojiiwwan nu barbaachisan hojjataa jirra.
BBC: Osoo dhimma Tigraay keessaa hin bahiin, TPLF beekamtii seeraa fi qabeenyaawwan dhaalaman akka deebifamuuf gaafachuunsaa boordii filannootiin fudhatama hin arganne.
Filmaanni seeraa jiru irra deebiin galmaa’u akka ta’e boordichi TPLF’f ibseera. TPLF ammo deebisee murteen boordii filannoo fudhatama hin qabu jedhe. Itti aansee kan ta’u maaliidha?
Birtukaan: Irra deebiin galmaa’uu hin barbaadnu kan jedhu barreeffamaan kan nu qaqqabees ta’e kan boordii filannootti himame homtuu hin jiru. Boordiin filannoo erga murtee dabarsee booda odeeffannoon nu qaqqabe hin jiru.
Kan abdannu, haaluma murtee keenyatti ulaagaalee guutamuu qabaatan guutanii ni galmaa’u kan jedhuudha. Ykn murtee keenyarratti komii qabaatan ammoo gara mana murti deemuu ni danda’u. Innis filamaata gara biraati. Gama keenyaa kan nuuf ibsame hin jiru. Adeemsichas kan hordofnu ta’a.
BBC: Gara filannoo Godina Walaayitaa dhiheenya Wax. ALI 12, 2015 gaggeeffamee haa dabarru. Finannoon tibbana Godina Walaayitaatti gaggeeffame kan irra deebiin gaggeeffamedha. Kanaaf sababi inni guddaan maal ture?
Birtukaan: Kana dura filannoon ALI Amajjii 29, 2015 gaggeeffamee turen, bu’aansaa haqamuun irra deebiin akka gaggeeffamuuf sababii inni guddaan keessattuu adeemsa galmee filattootaa ilaalatuun sarbamni seeraa olaanaan jiraachu boordiin filannoo waan mirkanneesseefiidha.
Bu’aansaas ta’e ragaaleen dhugaata’usaanii fudhachuun baayyee rakkiisaa ta’ee waan argameef, filannichi irra deebiin akka gaggeeffamuuf murteeffameera. Seerri cabfame kunis keessattuu, waliin dhahuu galmee filattootaa irratti raawwatame, odeeffannoo fi sanada sobaa fayyadamuun sababoota filannichi irra deebiin akka gaggeefamu taasisan keessaa turan.
BBC: Filannoo irra deebiin gaggeeffameen hoo rakkoo cimaan mudate ture?
Birtukaan: Adeemsi filannichaa, galmeen filattootaas ta’e kenniinsi sagalee haala nagaa, haala sirna eeggateen osoo rakkoon cimaan hin mudatiin haala sirriin xumurame. Hojiiwwan isaan booda jiran adeemsi lakkoofsaa, bu’aa marsaa duraa buufataalee ilannootti beeksiisun xumurameera.
Hojiin bu’aaleefi waraqaawwan sagaleen ittiin kennamee gara jidduugalawwan boordii filannoo 12 fiduus xumuramun ibsameera. Waliigaltti adeemsi isaa cimaa kan jedhamu akkasumas rakkoon adeemsaafi bu’aarratti dhiibbaa taasisuu danda’u kan akka kana duraa hin mudanne.
BBC: Filannoon irra deebiin yoo gaggeeffamu gama baasii, hojjattoota ramaduutiin dadhabsiisaa ta’usaatiin, kutannoo boordiin filannoo qabu kan agarsiisuudha kan jedhan jiru. Ta’us ammo filannoowwan walfakkaataan kana duran Sidaaamaa fi Kibba Lixa akkasumas amma ammo kan Walaayitaatti gaggeeffameen wal qabatee, duulli filmaata Naannoo Kibbaa waliin turuu barbaadna baayyee hin taasifamu.
Kana malee garuu, naannoo haaraa hundeessuuf fedhiin mootummaa akka jiruu fi Paartiin Badhaadhinaa kallattii kaa’uun naannoo haaraa hundeessuuf fedhii akka qabu ibsa. Kanaafu adeemsi kun kan mootummaan murteesseedha. Boordiin filannoos adeemsa kana seera qabeessa taasisuuf adeema malee bu’aa baayyee hin qabaatu jedhanii namoonni amanan jiru. Ati maal jetta?
Birtukaan:Yaada kanaan walii hin galu. Nuti sirna murtee ummataafi raawwiisaatiin baayyee gatii kenniinaaf. Gatii kennuufiin keenyas baasii, dadhabbiidhaanis yaaliiwwan irra dedeebiidhaan kan taasifamaniif adeemsiichi kan hiikkaa qabuufi fudhatamni kennamuuf kan qabaatu jennee waan ammanuufiidha. Ittigaafatamummaa keenya mirkanneessuuf ammo, itti gaafatama akka boordii filannootti qabnu waan ta’eefiidha. Namoonni sababii baayyeef gatii maal qaba? Bu’aansaa ni beekama yaada jedhu kennuu danda’u.
Haata’u malee boordiin filannoo adeemsicha wayita raawwachiisu miira sanaan ykn ilaalcha sanaan miti. Naannoo Kibbaa waliin turu ilaalchiisee kan falmu waan hin jirreef murtichi gama tokkootti kan cinlaafatee kan jedhu uumeera. Nutis filannoonni bitaa mirga madaalanii filamaatawwan qabanii fi bu’aa jireenyaafi jiruusaaniirratti qabaatu ilaaluun odeeffannoo irratti hundaa’anii akka murteessaniif filmaatiwwan lama ibsamuuf akka qaban nan amana.
Sanas Sidaamaa irra kaafnee irra dedeebiin carraa kenniineerra. Haata’u malee fedhii agarsiisee gara duraatti bahuun kan falme, keessattuu yeroo murteen ummataa Sidaamaa taasifameetti eenyumtuu hin turre. Isaan boda garuu, falmiiwwan garaa garaa qopheessuudhaan keessattuu murtee yaadaa kanarratti miidiyaalee sadi irratti namoonnii fi paartileen affeeramuun falmii fi yaadawwan marii dhiyeessaniiru.
Asirratti akka rakkootti kanan ilaalu tokko, keessattuu paartiileen siyaasaa caasseeffama naannoolee amma jiru kana kan hin deeggarre, dhufanii akka falmaniifi yaadasaanii akka ibsan wayita gaaffanuutti isa raawwachurra adeemsa waliigalaa keessaa hafuu (bycot) filatu. Kun ammoo lammiileefis ta’e paartilee siyaasaatiif ni fayyada jennee hin amannu.
Qaawa isaan umani guutuuf hayyoota, kanneen dhimmicharratti barreessan, kan dubbisaniifi kanneen beekumsa qaban akka yaada ibsaniif, hawaasni siivilii haalaan akka hirmaatu taasisuun hanga ta’een uummannii filamaata qabu akka hubatu, bu’aafi miidhaasaa akka hubatuuf gama keenyaan kan nurraa eegamu raawwanneerra.
Murtee uummataa kanaan booda raawwatan irratti gama hirmaannaa fi falmiiwwan kana caalaan taasifna.Adeemsichi amanamaa, lammiileen dhiibbaa tokko malee yaadasaanii ibsachu akka danda’na mirkanneesuun, taajjabdoon akka argaman taasisuun, adeemsawwan haqa qabeessummaa filannoo mirkanneessan kaanis mirkanneessuutiin kan duraarra lammaffaarratti fooyya’aa dhufeera.
Filannoon sadaffaan amma Waalaayitaatti gaggeeffame irra deebiin gaggeefamunsaa mataansaa kan agarsiisu, boordiin filannoo adeemsicha to’achuuf, sirrii ta’usaa mirkanneessuuf, dogongoree yoo argameetti ammoo ragaadhaan mirkanneessuuf dandeettii isaa cimfataa dhufuusaati.
Rakkooleen sunis irra deebiin akka hin mudanneef, hojiimaata haaraa fidneerra. Adeemsi sunis bu’aa qabeessa ture irra deebiin filannoo ammaa irratti akka agarsiifneetti.
BBC: Hundeeffama Naannoo Sidaamaa gama ilaalatuun, namoonni hedduun naannichaa fedhii qabaachaa akka turaniifi hanga waliitti bu’insi mudatuutti qaqabamuun ni yaadatama. Yoo Kibba Lixa ilaalluu ammoo, akkuma atu jetteetti, sirrii ta’usaa mirkanneeffuuf boordiin filannoo irra deebiin filannoo hanga gaggeessuu deemeera.
Garuu ammoo naannooleen akka hundeeffamaniif ummata caalaa fedhiin mootummaa ni calaqisa kan jedhan jiru. Kun ammoo deebii ummata daka jiruu deebiisuurra, yeroo eeggatee gaaffiin gara biraa akka ka’u taasisa kan jedhan jiru.
Birtukaan: Yeroo biraa gaaffiin gara biraa ka’u mala kan jedhuuf, eeyyeen ka’u mala. Ka’unsaa kan akka rakkootti ilaalamu qabaatu natti hin fakkaatu. Sababiinsaa caasaawwan yeroodhaa gara yerootti, naannoo ta’u dabalatee lammiileen haaluma isaan mudaturraa ka’uun, ilaalanii ijaarsi kun haa jijjiramu jedhanii gaafachuuf mirgisaanii yeroo hunda kan eegame ta’u qabaata. Heera mootummaatiin adeemsa dimikraatawaa akka qabaannu hanga amanameetti jechuudha.
Murteen ummataa amma taasifame fedhii ummataa ibsa, hin ibsuu kan jedhu, fedhiin ummataa dhumarratti kan ibsu bu’aa saanduqa sagaleetiin lakkaa’amee argamuun. Sana osoo hin goone, adeemsa siyaasa biyya kamuu keessatti, waliigalatti ummanni kana barbaada, sana hin barbaadu jedhamuun yaadniwwan garaa garaa dubbatamu danda’u.