Lammiilee Tarkiitiif namni siyaasaa hanga Musxaffaa Kamaal Ataaturkii biyya geeddare hin jiru. Waa’ee isaa irratti hin falaman.
Dhugaa seenaa ta’ee ammoo Kamaaliitti aanuun Tarkii irratti namni jijjiramoota gurguddaa taasisan Xaayyiib Erdowaan ta’aniiru. Innis waggoota 20 darbaniif biyyattii dursaniiru.
Namoota baayyeen qeeqaman illeen waa hedduu raawwataniiru. Dhiibbaan isaas idil-addunyaa ta‘eera. Maqaan saas gaariifi badaadhaan ni ka’a.
Raashiyaa waliin dhimma Sooriyaarratti adda bahanilleen, daldalaan waliitti dhufu. Putiin waliin walitti dhufanis, waraana Yukireen irratti baneen gammadoo miti.
Ta’ulleen Putiinittis ta’e Zelensikiitti nama dhiyaatu ta’u itti bareera. Azaarbaajaaniin deeggaruun Armeeniiyaa haleeaniiru.
Miseensa Nato ta’ulleen Siwiidiin miseensummaa akka hin arganneef dhiibbaa keessa galchaniiru. Filaandis taanaan mixuu hedduun booda ture Erdowaan hayyamaniif kan miseensa Nato taate.
Erdiwaan harkiisaanii dheeraadha. Liibiyaa, Somaaliyaa, Itoophiyaa keessatti illeen dhiibbaa akka qaban himama.
Ofii Rasiip Xaayib Erdoowaan kan hoggantoota addunyaa tanaa keessaa tokko ta’aniif amma filannoo marsaa lammaffaatiif har’a dorgomaa jiran kun eenyu?
Hiyyummaa ijoollummaa
Erdowaan amma yoo ilaalaman maanguddoo haa fakkaatan malee ganna wagga 70 hin guunnee.
Abbaa isaanii loltuu waardiyyaa qarqara galaana gurraachaa kan turan irraa bara 1954tti dhalatan.
Kaaba Tarkiitti kan dhalatan Erdoowaan wagga 13 wayita ta’an ture abbaansaanii waliin gara Istaanbul kan dhufan.
Abbaan isaaniis ijoollee isaanii shan haala fooyya’aan guddiisuuf ture kan gara Istaambul deeman. Haata’u malee jireenyi Istaanbul keessaa isaaniif salphaa hin turre.
Dargaggeessi Erdoowaanis cuunfaa loomii gurguruu eegale. Saliixiis naanneessee gurguuraa ture. Akkasumas doonaatii ykn biskutii Beegil gurguruu eegale. Kanaanis maallaqa argachuuf ifaajeera.
Erdoowaan daldala isaatiin maddiittis barnoota Isilaamaa barachuu eegale. Yunvarsitii Maarmaar seenuunis gosa barnootaa Sirna Bulchiinsaatiin diigrii argate.
Mormiitoonni isaanii garuu digiriin kun kan waliin dhahameedha jechuun hamatu. Erdoowaan garuu kana ni haalu.
Dargaggoo Erdoowaan kubbaa miilaas ni jaalata ture. Gareewwan gam tokkoon pirofeshinaala ta‘aniif hanaga taphachuu gaheera. Kun egaan kan dur ta’eedha, bara 1980mota keessa.
Haata’u malee erdoowaan kubbaa miilaa caalaa waan jaalatan qabu. Innis Siyaasa.
Bara dargaggummaa isaanitti kibaboota marii isilaamaa keessatti si’ominaan hirmaataa turan.
Paartii siyaasaa ilaalcha isilaamaa qabu ‘Welifeeritti’ makaman. Bara 1990mota keessas paartii kana maqaansaa beekkamtii argataa dhufee ture. Erdoowaanis dheggeettiinsaanii paartichaan wal qixa ta’aa dhufe.
Isitaambul irraas paartiisaanii bakka bu’uun dorgoman. Kunis egaa bara 1994 kan ta‘eedha. Isaaniin ni ijifatan. Waggoota afuriif kantiibaa Istaambul ta’un bulchan.
Ministirri Mummee ilaalcha Isilaamaa qaban kan jalqabaaf Tarkii hogganan Irbaakaan waggaa tokkoo akkuma aangorra turaniin loltootaan fonqolchi irratti raawwatame.
Erdoowaan ilaalcha isilaamummaa isaanitiin, siyaasa tarki amntaa kamu irraa bilisa ta’e isilaama gochuuf jedhamuun himataman.
Baruma sanattis walaloo hin hayyamamne adabaabaayiitti dubbuseera jedhamuun himataman.
Sababii walaloo kanaatinis Erdoowaan waggaa afuriif hidhaman. Achii wayita bahanis itti caaluun gara siyaasaatti deebii’an.
Bara 1998tti ammoo paartiin isaanii dhorkame. Gareen siyaasaa kunis isilamummaa siyaasa keessa galchuuf yaaleera jedhamuun dhorkame.
Erdoowaaniifi hiriyyoonni isaaniis Adooleessa 2021 keessa partii haaraa hundeessan. Innis Paartii Haqaafi Guddinaa (AKP) jedhama.
Paartiin kunis battalumaan beekkamtii argate. Keessattuu lammiilee Tarkii islaamummaan dagatameera jedhan biratti baayyee jaalatame. Lammiilee jireenyi itti cimeen leelliifame.
Bara 202ttis partii AKP kun paarilaamaadhaaf teessumma caalmaa injifate. Bara ittaanu Erdoowaan Ministira Mummee ta’un mudaman.
Egaan aangoo bara sana qabatan hanga har’aatti irruma jiru. Ammas marsaa biraa itti fufuuf amma duula na filadhaa cimaa gaggeessaa jiru.
MM ta’uun bara aangoo sadii
Erdoowaan erga bara 2003 kaasee ministira mummee ta’udhaan baroota aangoo sadiif Tarkii dursaniiru.
Biyya keessatti diinagdeen akka dadamaqu taasisuun, sadarkaa idil-addunyaatti ammoo bara ittiin nama tarkaanfataa jedhamuun fudhatamu.
Bara isaaniitti lakkoofsi ummanni galii jidduugalaa qau dabaleera. Lammiileen biyyattii miiliyoonan lakka’aman hiyyummaa keessaa bahaniiru.
Tarkii hammayyeessuuf Erdoogaan buu’uraalee misoomaa gurguddaa ijaarsiisuu irratti xiyyeeffatuun beekama.
Erdoowaan filatoota paartii Kurdish Tarkii kan lakkoofsa xiqqaa qaban irraa deeggarsa argatee ture bara aangoo isaa jalqabaatti.
Bara aangoo Erdowaan dhumaa
Erdoowaan bara 2014tti aangoo ministira mummeef dorgomuuf heerri isaaniif eeyyamuu didnaan sirna pireezidaantummaa tolfatan.
Tahus kana raawwatanii waggaa aanutti danqaan lama isaan mudate.
Paartiin isaanii paarlaamaa keessatti teessoo harka caalu qabachuunsaa hafe.
Bara 2016 seenaa Tarkii keessatti waan tahee hin beeknetu tahe,fonqolchi mootummaa irratti yaalame.
Namoonni nagaa 300 tahan ajjeefaman. Erdowaan bilbilaan uummata isaaniif haasaa taasisan. Uummaticha ‘ka’aa malee,’ ittiin jedhan.
Uummanis dacha’ee baheefi, taankii itti ka’es dhaabsiseefi.
Nama Fatulaah Gulan jedhaman kan Ameerikaa jiraatantu natti shire jedhan. Dhaabbanni tola oolaas tahe, manni barumsaa nama kanaan hidhata qabu adamsamee cufame.
Hojjettoonni mootummaa 15,000 garee kanaa wajjin hidhata qabu jedhaman hojiirraa arii’aman. Lammiileen 50,000 tahan hidhaman.
Kunneen keessaa loltuu, gaazexeessitoota, abukaatoo, poolisiifi barsiisaan illee otoo hin hafiin gidiraa fonqolcha mootummaan booda hojiirraa arii’aman.
Jeneraalonni mana murtii waraanaatti dhiyaatan.
Erdowaan fonqolcha mootummaa kanaan booda nama biraa tahan. Warra lixaaf fuula dhorkatan.
”Godaantota lakkoofsaan baayyee tahan karra baneen gara Awurooppaattin gadhiisa,” jechuun doorsisan. Har’aa bor abbaa irree isa akkamii tahu otoo jedhamanii as gahan.
Erdowaan ammaafi kan waggaa 20 dura turan waan baay’een geeddaramaniiru.
Fayyaan isaanii badaa amansiisaa miti. Al lama caalaa otoo kallattiin TV irratti haasa’anii dhukkubbiin itti dhagahamee addan kutaniiru.
Isaan qofa otoo hin taane biyyi isaan hoggananis dhukkubsatteetti.
Tarkiitti qaala’insi jireenyaa akkaan dabaleera. Gatiin meeshaalee bu’uuraa baayyee mi’aayeera. Kirkirri lafaa bara kana mudate namoota 50,000 ajjeeseera.
Kunis tahee, morkataa isaanii sagalee muraasaan caalaniiru. Sagalee sirriitti injifachuu isaanii mul’isu garuu hin arganne.
Kufan yoo jedhaman kan bayyanatan Erdowaan ammallee injifachuu galmasaanii godhataniiru.
Filannoon marsaa lammataa har’a Caamsaa 28,2023 adeemsifama.
Erdowaan namni keekii tolchaa turan, bara aangoo biraa mo’atanii biyya ‘Turkiye’ naan jedhaa jechuun biyya addunyaatti of beeksiste sirna siyaasaafi diinagdee haaraa tolchuufii tahinnaa?