Oggeettii moodeliingii fi Faayinaansii kan taate Ruuttaa Yamaana, shamarran dorgommii ‘Top Model International’ jedhamurratti kaadhimamtoota bareedinaan dhiyaatan keessaa tokkodha.
Ruuttaan walakkaa dorgommicharrattis kanneen filataman shan keessaa sadarkaa tokkoffaa qabattee jirti.
Shamarreen tunis ogummaan modelingiifi faayiinaansi mallattoolee ciminaafi bareedina ishee akka ta’an dubbatti.
‘‘Jireenya keenya hogganachu yoo dandeenyee, waan barbaadnu hunda gochu akka dandeenyuun amana,’’ jetti.
Waltajjiin dorgommii ‘Top Model International’ kan moodeeloonni idil-addunyaa kennaafi ogummaa addaa qaban irratti dorgommii cimaa taasisaniidha.
Dorgommiin bara kanaa kan dorgomtoonni 500 ol addunyaa mara irra irrati hirmaatan, injifattoonni qopheessitootaan filataman shan sadarkaa xumura walakkaaf gahaniiru.
‘‘Sadarkaa kana kanan qaqqabe tumsa ummata kootiin. Sababiin saas dorgomtootaaf gara sadarkaa xumura walakkaatti darbuuf sagaleen ummataa murteessaa ture. Keessattuu ijoolleen biyyakoo, dhalattoonni Tigree na walin dhaabbataniiru. Galateeffachuuf jecha hin qabu. Dorgommii ittaanuuf baayyee hawwii olaanaan eegaan jira. Gara dhumaarra qaqqabuuf ammaan booda dorgommiiwwan lamatu na hafa,’’ jechuun ibsite Ruuttaan.
Dorgomtoonni xumura walakkaa ‘Top Model International’ fi bu’aa kaadhimamtoota xumuraa Sadaasa dhufaa keessa ifa taasifama jedhamee eegama.
‘‘Dorgommii qofaa osoo hin taane waltajjiin kunis kan carraalee hojiifi abbootii qabeenyaa biraandiiwwan bebekamoo walin kan walitti fiduudha’’jechuun bu’aa dorgommichaa ibsiti Ruuttaan.
Ruuttaan deeggarsa sagalee ummataa olaanaa fi muxannoo dorgommii bareedinaa sababii qabduuf, dorgommii marsaa dhumaas nan injifadha jettee akka amantu dubbatti.
‘‘Dubartoota baratanitti baayyeen inaafa’’
Wayita ammaatti jidduugala faayinaanii kan taatee Luuksambarg (Luxembourg) keessatti kaambaanii bulchiinsa qabeenyaafi maallaqaa keessa hojjataa kan jirtu Ruuttaan, indastarii moodeliingii qofaa keessatti daangeeffamu hin babrbaanne.
Siriiyyuu Poolaaniirraa gara Yunivarsitii Luuksambargitti imaluun, diigirii lammaaffaa ishee Finance and Economic barataa jirti.
‘‘Dubartoota baratan yoon argu innaaffaan natti dhagahama ture’’ kan jettuu Ruuttaan, isheenis dukaasaanii hordoofuun barnootaaf xiyyeeffannaa olaanaa akka kennitu dubbatti.
Diigrii ishee jalqabaa Poolaandi keessatti Business International xumurtee jirti. Osoo gara Luksambargii osoo hin dhufiin dura, Poolaand keessa waggoota jahaan kan jiraattee yoo ta’u, tibba ogummaa faayinaansii hojjataa turteettis indastirii moodeeliingii Itoophiyaatti eegalteen akka wal agartuuf carraa kenneefiira.
‘‘Barnoota koo wayitan xumuruu hojiikoo waliin moodeeliingii hojjataan ture,’’ jetti.
Ofii attamiin hojii moodeliingiin wal barte?
Ruuttaan yeroo jalqabaatiif moodeelingii kan jalqabde bara 2013 wayita Yunivarsitii Finfinneetti barataa turte, osoo barnootaaf gara Awuurooppaa hin imaliin dura ture.
Yunivarsitichatti barattuu Saayinsii Kumpitarii wagga lammaffaa osoo bartaa jirtuu, dhiibbaa hiriyoota isheetiin dorgommii bareedina ‘Miss Ethiopian University’ irratti hirmaachuun Yunivarsitii Finfinnee irraa moodeeliin cimtuu ta’un badhaafamte.
Namoonni baayyeenis Liiyaa Kabada kan (International Top model) taateen akka wal fakkaatan fi yoo guddattee moodeelii akka taatuu akka itti himaa uran yaadatti.
‘‘Yeroo sanaa kaaseeti hojiin moodeeliingi anaaf akka ta’u kan natti dhagahamaa dhufe’’ jechuun haalaa itti gara moodilingiifi faashiniitti seente himti.
Dorgommoo akka tasaatti Yunivarsitii Finfinneetti eegalteen tokko jettee daandii moodeeliingi eegalte.
Injifannoon yeroo sanaatis akka kaambaaniiwwan daldalaa waliin hojjattuuf carraa kenneef. Akkasumas akka mana barnootaa Abisiniyaa Moodeelingi fi Aartiitti barrattuuf kakaaseen.
‘‘Abdii Itoophiyaa keessatti barachuu dhiiseera’’
Ruuttaan barachuuf fedhii olaanaa qabdi turte. Haata’u malee garuu sababii rakkoo dhunfaa isheetiin barnoota Saayinsii Kompitaraa wagga lammaffaa ittiin qaqabdee turte itti fufuu hin dandeenye.
Moodeeliingiin maddiitti Kooleejjii Baayoo Meedikaaliitti narsiingii barachu eegalte. Garuu ammo mootummaan koolijiichi ‘hayyamni hin kennamneef’ jechuun waan cufeef, Ruuttaanis gosa baayyee jaallattuu yeroo lammaffaaf adda kutuuf dirqamte.
Waggaa afuriif barnoota adda kutuun aarii cimaa itti uumee ture. ‘‘Baayyeen gaddaa ture. Yunivarsitii gadhiisee kanan bahee dandeettii dhabee osoo hin taanee rakkoo dhuunfaan ture. Narsiingii eegalee wagga laman baradhee, innis adda cite. Kun wayita ta’eetti Itoophiyaa keessatti barachuuf abdiin kutadhee ture. Biyyaa bahuufan murteesse. Yoo xinnaate barachuuf dandeettii akkan qabu ofii koof mirkanneessuun barbaadee ture’’ jetti.
‘‘Waanan qabee hundaa mikooftuu ta’un barbaada’’
Ruuttaan barnoota ishee wagga afuri Itoophiyaatti barattee balleessuu hin barbaadne. Kanaafuu bara 2017tti carraa barnootaa barbaacha gara Poolaandiitti imaluun, Yunivarsitii irraa Daldala Idil-addunyaatiin diigirii jalaqbaatiin eebbifamte. Achuma Poolaandiittis oggeettii faayinaansii ta’un hojjachuu eegalte.
Ta’us Poolaandiitti hojii Moodeeliingii fi dorgommii bareedinaa akka itti fuftu omaayyuu yaaddee hin beektu ture. ‘‘Bara 2017 ganna keessa hiriyoota koo waliin kaaffee tokkoo keessa taa’aan ture. Akka tasaa namni tokko ija babaasee na ilaalaa ture. Hanga na dhiphisuutti na ilaalaa ture. Achumaan hiriyoota kootiin namni kuun akka itti na ilaalaa jiruu na jibbisiiseeran jedheen. Isaanis nahuun ‘hin beektuunii?’ jedhanii na gaafatan’’ jetti.
Hiriyoonni ishees eenyummaa nama kanaa itti himan. Namtichis sunis akka biiraandii meekaappii beekamaafi indastirii faashinii keessatti baayyee beekamaa kan ta’e abbaa qabeenyaa Haabii Jafarsan ta’u itti himan.
‘‘Boodas dhufee ofumaan itti dubbate. ‘Dhiifama! Akkan si jeeqee beeka. Si barbaadna. Boruu barruudhaaf ‘photo shoot’ qabna. Nama tokko barbaadaa turre. Bilisa yoo taatee dhufuu dandeessa’ jechuun kaardii teessoo isaa naaf kennee.’’
Achumaanis Ruuttaan Barruu Diizaayin Fandi jedhamurratti akka moodeelii meekaappiitti mul’achuun carraan indastirii moodeeliingii keessatti qabdu saaqameefi.
Moodeeliiwwan daldalaa akka uffata, kophee, meekaappii, boorsaa, baankiiwwaniifi kaan irraa fi dorgommiiwwan bareedinaa irra hojjachuu fi dorgomuu dandeesse. Ruuttaan digirii jalqabaa ihsee kan xumurte bara 2019 ture.
Haata’u malee barri 2020 Ruuttaaf yeroo cimaa ture. Innis yeroo barnoota ishee digiirii jalqabaa xumuruun digirii lammataa Saayinsii daataatiin kan itti eegalte ture.
‘‘Waraanni sukkanneessaan Tigraayiitti kan itti eegalte ture. Anaaf yeroo baayyee rakkiisaa ture. Irribaakootii ka’ee kanan argu dukkana ture. Yeroo dukkanaa abdiin hinjirre ture. Oduun dhagahu namoonni ajjeeffamaa jiru kan jedhuqofa ture. Ibsaa, baankii, bishaan …hin jiruu kana jedhu qofaa ture.’’
‘‘Yeroo baayyee rakkiisaa ture. Baayyeen dhiphadhe. Xiyyeeffnnaakoo walitti qabachu hin dandeenyeen ture. Battalumatti barnoota koo adda kutuun qaba ture’’ jette.
Ruuttaa Yamaana damee keessatti hirmaattee hundatti mikooftu ta’uuf ejjannoo cimaa qabdi. Gara fuulduraattis, Tigraayiin ‘‘ogummaa faayinaansiifi moodeeliingi fi kan dandeessuu hundaan’’ deeggaru barbaaddi.