Erga weerarri Yukireen eegalee as lammilee Raashiyaa kumaatamaan lakka’aman biyya isaanii gadhiisanii ba’aniiru jedhame tilmaama.
Namootni kun eenyu, eessa deemu?
Sivetlaanaan umuriin ishee 30’n keessa yoo taatu, magaalaa xiqqoo keessatti dhalattee guddatte. Umurii ganna 18’tti barnoota Fiiziksii yunivarsitiitti barachuuf jecha gara Mooskoo deemte. Erga eebbifamte booda dhaabbilee adda addaa keessa hojjechaa turte.
“Tasa biyyaa ba’uun qaba jedhee yaadee hin beeku, karoorrikoo Mooskoo keessatti soorata ba’uu tur. Raashiyaa nan jaalladha, jireenyaa gaaris qaban ture,” jetti.
Namoota dhimma Kireemiyaa to’achuu bara 2014 keessa tureefi seeraa adabbii namoota mootummaa mormanii irratti ba’e morman dabalatee, kana durayyu lammileen Raashiyaa hedduun biyyaa ba’aa turan.
Hedduun isaanii Joorji’aa dabalatee bulchiinsaa Baaltik fi biyyootii EU adda addaa keessa qubatan.
Sivetlaanaaf jijjiiramni guddaan kan dhufe, yeroo weerarri Yukireen guutummatti bara 2022’tti eegaledha.
“Yeroo waraanni kun eegale, akka dafee hin dhumneefi uummatni ba’ee mormii akka hin dhaggeessisne naaf gale. Miiraanis ta’e dhugaa jiruun yemmuu yaadu biyyaa ba’uun sirri akka ta’e natti mul’ate,” jetti. Amma magaalaa gudditti Serbiyaa, Belgireed keessa jiraatti.
“Hangan danda’utti ofiikoofi angaa’ota gidduu fageenya guddaa kaa’uun barbaade.” Lammileen Raashiyaa hedduu miraa ishee fi wanta uumamaa jiru irratti Sivetlaanaa waliin walii galu.
Baqatoonni akka BBC’tti himanitti, baqaan jalqabaa kan dhufe Bitooteessaa fi Ebla wagga darbe keessa yoo ta’u, waraanicha akka mormaniifi lammileen Raashiyaa hedduun hiirira mormii gaggeessuu dhabuu isaanitti gaddaniiru.
Pirezdaant Puutin sochii waraanaa kan eegale Fulbaana 2022 keessa ture. Kana jechuun dhiirootiin hedduu waamicha waraanaatti dabalumuutti saaxilamuu jechuudha.
Isa booda gaabaasooti hedduun, loltoonni haaraan haala leenjii hamaa ta’ee fi meeshaan ga’aa akka hin qabne eeruun ba’uu eegalani.
Dubbii-himaa piirezdaantii Raashiyaa Dimiitirii Peeskoov, oduu lammileen Raashiyaa waraanatti waamamuu baqaaf hedduumminaan biyyaa ba’aa jiru jedhu haaleera.
Namoota meeqatu ba’e – eessammoo deemu?
Namoota meeqatu Raashiyaa keessaa ba’e kan jedhu irratti lakkoofsi sirrii hin jiru – ta’us tilmaami jiru kumaatamaa hanga miiliyoona hedduudha.
Caamsaa keessa Ministeerri Ittisaa UK, bara 2022 keessa namootni Raashiyaa keessaa ba’an miiliyoona 1.3 ta’u jedhe tilmaame.
Hanga maallaqa qabaattetti, akkasumas waraanatti hin waamamnetti, Raashiyaa keessaa ba’uun salphaadha. Ta’us bakka jireenyaa dhaabbataa argachuun rakkisaadha.
Waraanichi eegalee ji’oota itti aanan keessa, biyyootiin EU hedduu fi US, lammileen Raashiyaa yoo biyya isaanii keessaa maatii qabaatan malee viisaa argachuun akka cimu taasisan.
Biyyootii biraa hedduutti – kan akka Goorjiyaa fi Armeeniyaatti – lammilee Raashiyaa dhorkiin akkanaa hin mudannaneeni, ammallee akka barbaadan ba’anii galuu danda’u.
Akka dhaabbatti Koolu Galtummaa EU himutti, lammileen 17,000 ta’an biyyootii Gamtaa Awurooppaa (EU) keessatti kooluu galtummaa kan gaaftan yoo ta’u, kan koolu-galtummaa argatan garuu 2,000 qofaadha.
‘Namoota biroo akkan ajjeesufan ergama jedheen sodaadhe’
Erga waraanni kun eegalee booda BBC’n lammilee Raashiyaa biyyaa ba’an hedduu dubbisneerra.
Namootni kun jireenya adda addaa qabu ture: gazexeessitoota, ogeessota IT, artistoota, hayyoota, abbootii seeraa, ogeessota fayyaa, fi ogeessota afaanii turani. Harki caalaan isaan umurii ganna 50 gadidha.
Hedduun isaanii ilaalcha biyyootii Lixaa waliin kan walii galanii fi Raashiyaan guyyaa tokko birra dimokraatawaa ni taatii jedhanii namoota hawwanidha.
Toomas magaalaa St Piitarsbarg keessa jiraata ture.
“Ani nama nagaa jaallatudha, kanaaf namoota biraa akkan ajjeesuuf nan ergama jedhee sodaadheen ture. Bara 2014 irraa eegalee qajeelfama Raashiyaan Yuukireen irratti qabu nan morma ture. Weerarrii fi ajjechaan namoota nagaa tasuumaan waan fudhatama qabu miti,” jedha.
Erga weerarri eegalee miiidiyaa hawaasummaa irratti ergaa farra-waraanaa ta’e akka maxxanseeruu fi hiriira mormii irra akka ture hima. Dabalataanis, nama saala wal fakkaata nama jaallatu waan ta’eef, biyyatti keessattis kun akka yakkaatti waan ilaalamuuf nageenya isaafis ni sodaata.
Toomas amma Isiwidiin keessatti koolu galtummaa siyaasaa gaafateera.
Kun Raashiyaaf maal jechuudha?
Namootni sooreyyiifi hayyoota ta’an kumaatamaan biyyattti keessaa maallaqa isaanii waliin ba’uun isaanii waan guddaa akka hin taanetti aanga’oonni Raashiyaa yoo ibsanillee, dhibbaa inni diinagdee irratti qabu garuu waan ifatti mula’atudha.
Baankiin guddichi Raashiyaa, Alfaa Baank, humna hojii Raashiyaa hunda keessaa %1.5 akka biyya gadhiisanii ba’an ni tilmaama.
Namoota biyya gadhiisanii ba’an keessaa harki caalaan isaanii ogeessota dandeetti ciccimaa qabanidha.
Dhabbileen hedduu hanqinni hojjetoota akka uumameefi namoota haaraa qacaruunis akka cimeeru komatu.
Mana Barnootaa Biyyaalessa Saayinsii Raashiyaa irraa ogeessa diinagdee kan ta’e Sergeey Simirnoov, ogeessoti ciccimoo karaa ittiin biyyattii keessaa ba’an barbaaduu itti fufu jedhee amana.
“Namoota konkolaataa suphan ykn kophee hojjetanillee argachuuf fedhiin jiru guddaa dabalaa deema. Kun omiishni diinagdee Raashiyaa yeroo booda akka kufu ni taasisa jedheen amana.
Sivetlaanaan, gara Raashiyaatti deebi’uuf karoora hin qabdu.
“Amma Moldoovaa keessa hojjechaan jira, dhiyeenya garuu Neezarlaand keessatti hojii argachuuf yaalaan jira.
Iswiidin akka gara Raashiyaatti dirqiin hin deebifamne ni soodata. Amma hojii kamuu argachuuf afaan Iswiidiin barachaa jira.