Faransaayiitti namtichi yeroo yaalii qaccarrii isaatti sababii hin milkoofneef jecha hoggantoota dubartootaa sadi isaaniitu hojiirraa na hariisiise jechuun ajjeessee mana murtiitti dhiyaate.
Gabriyeel Fortiin, kan umurii ganna 48, bara 2021’tti magaalaa Valeensee keessatti to’annoo jala oolfame.
Garaa garummaa guyyootii keessatti, dubartoonni hoggantoota humna namooma (HR) ta’aniifi waggaan dura akka namni kun hojiirraa ari’atamuuf gargaaran jedhee yaade rasaasaan ajjeefaman.
Dubartiin ishee saddaffaa wiirtuu qaccarri hojii keessaa hojetti. Dabalataanis namtichi, kan miidiyaaleen ‘HR Killing’ (ajjeesaa Humna Namaa) jechuun waaman kunis, hoggantuu biraa ajjeesuuf yaalun himatameera.
Himatamaan ogummaansaa injinara ta’eefi yeroo to’annoo jala oolfametti hojii malee ture kun, erga sanaatii qorattootaa waliin haasa’u dide.
Jalqaba hoggantuu humna namoomaa Esteel Luus jedhamtu dhiheenya waajjira isheetti bakka konkolaataan dhaabbatuutti rasaasaan rukutamtee kan ajjeefamte Amajjii 26, 2021 bulchiinsa Alsaasee, Firaans keessatti ture.
Halkanuma sana ammoo bakka naannicharra km 50 fagaate argamuutti, hogganaan Bulchiinsa Humna namaa gara biraa, Bertiraand Misheel, mana isaatti hojjetaa pizza geessu nama of fakkeessuun rasaasan rukutame. Bertiraand garuu haleellaa sanarraa lubbuun oole.
Guyyaa lamaan boodas, gara kibbaatti fageenya km 500 irratti, namichi fuula isaa maaskiin haguuge wiirtuu qacarrii hojii Valeens seenuun hoggantuu Paatrishiyaa Pasquyii rasaasaan rukutee ajjesse.
Daqiiqaa muraasa booda hoggantuun bulchiin Humna Namaa, Jeraldiin Sasiin, dhabbata tajaajila kunuunsaa naannoo Valeensitti dhiyoo jiru keessatti ajjeefamte.
Lakkoofsi gabatee konkolaataa namicha wiirtuu qacarrii keessatti haleellaa rawwatee fayyadame, poolisii gara Gabriyeelitti erge. Sana booda ture namni kun ajjechaa dubartoota kanneenii waliin hidhata akka qabu bira ga’ame.
Bara 2009’tti, namni kun yeroo yaalii qacarrii isaa keessatti waan hin milkoofneef, Addee Sasliin adeemsa hojiirra gaggeessuu isaa dursite.
Sana booda Gabriyeel wiirtuu qacarrii hojii Valeensitti waan galmaa’eef, bu’aan hojii dhabeesa ta’uurra argatu jalaa dhaabbate.
Adde Pasquyii namicha kana waliin hasooftees ta’u hariiroo qabaatte hin beektu, ta’us akka poolisiin jedhutti Gabriyeel hojjetoota wiirtuu Sanaa irratti haaloo ba’uu barbaadee ture.
Qorannoon gaggeeffame akka Gabrieel halleellaa dursee baha Firaans keessatti gaggeeffame waliin hidhata akka qabu adda baase.
Esteel Luus fi Bertiraand Misheel bara 2006, gara waggaa 14 dura, adeemsa hojiirra gaggeeffamuu Gabriyeel irratti hirmaatanii turan.
Poolisiin kompitaara Gabriyeel irraa odeeffannoo jiran kan qoratan wagga lamaa oliifidha. Namni kun jibba inni horachaa tureefi, sochii jireenya namoota miidhee tokko tokkoon isaani hordofaa akka ture ragaa mul’isu akka qabu poolisiin himeera.
Gabriyeel Fortiin Kibxata himata ajjeechaa sadiifi yaalii ajjechaan mana murti Vaalensitti dhiyaateera.
Dhaddacha isaa dura, obboleettiin Adde Pasquyii raadiyoo biyyatti Europe 1 jedhamutti akka dubbattetti: “Meeshaa hidhatee dubartoota nagaa kanatti hidhaate… dubbachuufis ta’e dhaggeeffachuuf hin yaalle. Hinuma ajjeese. Kun doqnummadha.”