Mikeel Arteettaa leenjisaa dargaggeessa. Kilaba Piriimer Liigii Ingiliiz keessaa tarree warra gurguddoo keessa kan jru Arsenaal leenjisa. Kilaba tapha miidhagaafi hawwataan beekamu garuu waggoota dheeraaf waancaarraa fagaatee ture kana wagga lamaan darban keessa akka haaraatti ijaaruurra darbee dorgomaa cimaa taasiseera.
Gareen Mikeel Arteettaa kun bara kanas waggaa guutuu ykn guyyoota 248 Piriimer Liigii dursaa turee xiqqoof jedhee gara dhumaatti sigigaatee waancaa Maanchester Siitiif dabarsee kenne.
Mikeel Arteettaa eenyu?
Maqaan isaa guutuun Mikeel Arteettaa Amaatiri’aan jedhama. Bitootessaa 26, 1982 dhalate; wagga 41 guuteera jechuudha. Ga’eessi lammii Ispeen kun taphachuurraa hanga leenjisaatti kubbaa-miilaa jiruu godhateera.
Arteettaan hojii manaajerummaa isaa keessatti taaktika kalaquufi falaasama kubbaa-miilaa hunda hammataa ta’een beekamaa dhufeera.
Ispeen-Saan Sebaastiyaan keessatti dhalatee kan guddate Arsenaal taphataa kubbaa-miilaa ga’eessa ta’ee taphachuu kan jalqabe kilaba Ispeen beekamaa Baarseloonaa keessatti bara 1999tti ture.
Baarseloonaan ammoo taphattoota warra akka Liyooneel Mesii, Zhaavii, Ineestaa, Maraadoonaafi taphattoonni addunyaa irratti seenaa guddaa hojjetan biro hedduun keessa darbanidha.
Arteettaan carraan Baarseloonaa keessatti saatii dheeraa taphatu jalaa daangeffamnaan ergisaan bara 2021 keessa gara kilaba Firaans Paaris Seent Jarmeeyin (PSG) umurii waggaa 18tti deemeera.
Turtii PSG boodas gara Piriimer Liigii Iskootish deemuun kilaba Reenjaritti makamee hojii boonsaa hojjeteera.
Boodarra ammoo gara biyyaatti deebiyuun hanga Ingiilaand dhufee Everteniif taphatutti kilaba Ispeen magaalaa itti dhalatee Riyaal Sosaayidaadiif taphateera.
Evertaniif waggaa lama erga taphateen booda ammoo bara 2011 Paawondii 10niin Arsenaalitti makameera.
Taphataan sarara gidduu Mikeel Arteettaan bara 2014 hnga bara 2016 keessa kubbaa fannisee soorama ba’utti dursaa (qeellisaa) garee Arsenaal ta’uudhaan waancaa FA Cup lama mo’ateera.
Arteettaan biyya isaa Ispeen miseensa garee dargaggootaa ta’uun si’a baayyee bakka bu’uun taphateera.
Haata’u malee, garee biyyaalessaa isa guddaa keessatti garuu filatamee hin taphanne. Kanarraa ka’uunis, taphataa baayyee filatamaa ta’ee jaarraa 21ffaa keessa osoo garee biyyaalessaa keessa hafe jedhamuun beekama.
Erga tapha dhaabee booda Maanchester Siitiif itti-aanaa Peep Gaardiyoolaa ta’uun leenjiseera.
Bara 2019 keessa Arsenaalitti deebiyuun leenjisaa garichaa ta’uun wagga jalqabaa FA CUP mo’ateera. Fulbaana 2020 ammoo manaajera Arsenaal ta’eera.
Arteettaan akkamiin kanarra gahe?
Arteettaan manaajera kilaba guddaa kanarra gahuuf bu’aa ba’ii hedduu keessa darbeera.
Yeroo Baarseloonaa keessa turetti hiriyaa isaa Peeppee Reenaa waliin baayyee walitti dhiyaatu ture.
Arteettaa fi Reenaan ijoollummaan ture kan gara mana leenjii ykn akaadamii kubbaa-miiilaa Baarseloonaa dhufan.
Reenaan akka jedhutti, Arteettaan eenyummaa isaa har’aa kanarra akka gahuuf kan gumaachee, leenjistoota Awurooppaa filatamoo keessaa tokko akka ta’u amala isa dandeessise kan horachuu jalqabe Akaadaamii Baarseloonaa kana keessa osoo jiruuti.
Bilchina sammuu qabu cinaatti Arteettaan falaasama kubbaa-miilaa ammayyaa gaggeessuun kan beekamu Peep Gaardiyoolaa irraa waan hedduu qayyabateera.
Peep Gaardiyoolaa qofa osoo hin taane manaajerri duraanii Arsenaal Arsen Veenger irraas waan hedduu barateera Mikeel Arteettaan.
Arteettaan akkuma gara Arsenaalitti bara 2019 deebi’ee leenjisuu jalqabeen FA CUP kan mo’ate Maanchester Siitii mo’atee ture.
Kun hamilee guddaa ture. Isaan booda garuu imalli salphaa hin turre. Bara dorgommii lama walitti aansuun Piriimer Liigii Ingiliiz keessa sadarkaa 8ffaan xumran.
Keessumaa bara dorgommii 2021/22 keessa tphawwan jalqabaa sadan duraa walitti aansuun mo’amanii ture.
Yeroo sanatti sagaleen uummataa marsariitiidhaan sassaabame akka agarsiisetti harka dhibba keessaa 70 kan ta’u Arteettaan ari’amuu qaba kan jedhu ture.
Haata’u malee, qormaata baayyee keessa kan darbe manaajerri dargaggeessi kun waca sanaan hin raafamne ture. Taphattoota bebbeekamoo warra akka Ozil fi Obaamaayaang gaggeessee garee dargaggootaa ijaaruun hojii isaa itti fufe.
Bara dorgommii kana (2022/23) wagga guutuuf Piriimer Liigii dursaa turee dhuma irratti taphoota 38 keessaa qabxii 84 sassaabbatee Maanchester Siitii kan qabxii 89 xumureen qabxii shaniin caalamee lammaffaa ta’uun xumureera.
Amma Arsenaal carraa Shaampiyoonsii Awurooppaa keessatti hirmaachuu argateera.
Kilaboota gurguddoo Ingilaand warra akka Maanchester Yunaayitid, Liiverpuul, Chelsii, Tootenhaam fi kaan fageenarratti dursee galeera. Amma amantaa deeggartoonni Arsenaal Arteettaa irratti qaban waan deebiyeeru fakkaata.