Taphataan Arjentiinaa Liyoneel Mesiin PSG erga gadhiisee kilaba biyya Ameerikaa Inter Miyaamii galuuf walii gale.
Taphataan duraanii Baarseloonaa Mesiin gatii rikardii guddaa taheen kileboota Sawud Arabiyaa irraa dhiyaateef diduun gara Ameerikaatti imaluuf murteesse.
“Murtee kiyya isa dhumaati. Gara Maayaamii deemuu kooti. Awurooppaa gadhiisuuf murteesseera,” jechuun gaazexoota Diyaariyoo Ispoort fi Mundoo DIppoortiivootti dubbate Mesiin.
Waliigalteen Inter Miyaamii waliinii kun deeggarsa dhaabilee akka Adidas fi Apple godhaniin raawwata.
Taphataan ganna 36 Mesiin yeroo torbaaf taphataa cimaa addunyaa kanaa jedhamuun badhaasa Ballon dOr mo’ateera.
Erga biyya isaa Arjentiinaa waliin waancaa Addunyaa mo’atee badhaasa itti aanu irrattis mo’achuu danda’a jedhamee eegama.
Taphataa beekamaan duraanii Baarseloonaa kun ardii Awurooppaan ala yeroo taphatu kun kan jalqabaa isaa tahuu isaati.
Awurooppaa keessa yoo xiqqaate wagga tokkoof turuu barbaadee ture. Haa tahu malee, maallaqni dhiyaateef quubsaa tahuu dhabuu isaa irraa kan ka’e Inter Miyaamii fi Al- Hilaal keessaa kam wayya jechuun filachuun murtee kanarra gahe.
Mesiin akkuma taphattoota bebbekamoo kana dure yeroo dheeraaf wal morkataa turanii Roonaaldoo fi Beenzeemaa fa’aa gara kileboota Sawud Arabiyaa deema jedhamee eegamaa ture.
Maallaqani guddaan isaan dhiyeessaniifis kan warra kaanii waliin kan wal madaalu miti.
Mesiin haala jireenyaa fi beeksisa dhaabbilee gurguddaa kubbaa miilaan ol tahaniif dabalatee sababoota garaagaraan gara ‘Major League Soccer’ deemuf murteesse.
Miyaamii keessaa mana jireenyaa kan qabu Mesiin amma kireessaa jira.
Gara Baarseloonaatti deebi’uu barbaadus rakkoo faayinaansii kilebichi keessa jiru waliigalteen kun akka hin raawwanneef danqaa ta’eera.
Waggoota lama PSG keessa turetti waancaa Liig 1, lama mo’atus kilbichi mo’achuuf haalaan barbaadaa kan ture Shaampiyoonsi Liigiin milkaa’uu hin dandeenye.
Kanaafuu Faransaay keessatti hedduu mikaa’eera jechuun hin danda’amu.
Taphoota 75 irratti hirmaatee galchii 32 lakkoofsiseera. Bara dorgommii kana ammo galchii 16 fi kubbaawwan galchii tahan 16 mijeessee kennuun xumure.
Mesii fi PSG’n akkaataa waliigaltee kontiraata isaanii wagga lamaa xumurameetti adda bahuuf waliigaluun gargar galan. Ji’a Caamsaa keessa sababa imala hin eeyyamamne gara Sawud Arabiyaatti taasiseef torban lamaaf tapha irraa adabamee ture.
Milkaa’inni guddaan Mesii Baarseloonaa fi injifannoo Waancaa Adunyaa biyya isaa Arjentiinaa waliin ji’a Muddee keessa galmeesseen yaadatama.
Baarseloonaa keessa waggoota 21 erga tureen booda bara 2021 gadhiisee bahe. Mesiin Baarseloonaaf galchiiwwan 672 lakkoofsisuun riikardii kilabichaa qabate.
Waancaa Laaliigaa kudhan, Shaampiyoonsi Liigii afurii fi Waancaa Ispaanish [Spanish Cup] torba mo’ateera.