Masaraan Baakiingihaam Wiindisoor Kaasiil keessatti jaarraa 19ffaa keessatti awwaalamee kan ture reeffa ilama mootii Itoophiyaa Alamayyaahu Teediroos akka deebiisuuf gaaffii dhiyaateef akka hin fudhannee ibse.
Maatiin, kanneen dhimmichi nu ilaalatta jedhaniifi mootummaan reeffii ilma mootii gara biyya dhalootasaatti akka deebii’uuf gaafatan illeen, deebiin mootota Inglizii garuu ‘‘gaaffiichaaf deebii kennuun nuuf hin danda’amu’’ kan jedhu ta’eera.
Masaraan Baakiingihaam ilmi mootii Alamaayyoon bakka awwaalamanii jiraniitti ‘‘kanneen boqatanii jiran osoo hin jeeqamne reeffa baasun kan danda’amu miti. Kanaafuu gaaffiichaaf deebii kennuu akka hin dandeenyee beeksiifna,’’ jechuun gaaffii BBCn dhiyeesseef deebii kenneera.
Ilmi mootii Alamaayyoo wayita gara Ingiliizi imalu ganaa daa’ima wagga torbaa kan turan yoo ta’u, haatiisaanii imalarratti du’uu hordofee maatii malee ta’ee ture.
Maatiin mootii Gondar turan garuu umuriisaa gabaabaa qofummaan biyya ormaatti gaddaan dabarsuun lubbuunsaa kan darbe ilma mootii kun, mootoota maddiitti awwaalamuu qofati, ‘‘lubbuu keenyaaf boqonnaa nuuf hin kennu’’ jedhan.
Maatiiwwan dhaloota sadaffaafi arfaffaa Teediroos Gondariitti argaman, ilma mootii ‘‘akka boqannaa barabaraa’’ akka argatuuf reeffii isaa gara biyya dhalootaatti deebii’u qaba jechuun Masaraa Baakiingihaamiif gaaffii ifatti dhiyeessanii ture.
Maatiin dhaloota Atsee teediroos afraffaa kan ta’an Faasiil Miinaas, ilmi mootii kun boqachu kan qabu biyya ormaatti osoo hin taane biyya abbaasaa Gondar ta’u qaba jedhu.
‘‘Wiinzariitti awwaalamunsaa waan gaarii yaadanii akka ta’en yaada. Mootomta Ingiliizii maddiitti awwaalamunsaa ana nah in ajaa’ibsiisu. Sababiinsaas inni ilma mootii ture,’’ jedhu.
Erga gara Ingiliziitti geeffameen booda dhukkuba argansuu isa mudateen wal qabatee ALI bara 1879tti umurii wagga 18tti kan du’e ilmi mootii Alamaayyahu Teediroos, maatii moototaatiin deeggarsi maallaqaa taasifamaaf ture.
Dubbii Himaan Masaraa Baakiingihaam deebii BBC’f kennanii, reeffa isaa warra kaan naannichatti reeffa saanii boqachiisan osoo hin jeeqnee baasuun rakkiisaa ta’u ibsaniiru.
‘‘Warra naannichatti boqachiifaman hedduu osoo hin jeeqinee reefficha baasuun baayyee rakkiisaadha.’’
Itti dabalunis, bulchiinsooti bataskaanittii keessatti argaman yaadannoowwan ilma mootii Alamaayyoo eeguuf itti gaafatamummaan akka itti dhagahamu eeruun, ‘‘akkasumas kabaja nama boqate kanaas eeguuf itti gaafatamummaa qabu’’ jedhan.
Masarichi kanaan dura, ‘‘jilli Itoophiyaa bakkicha dowwachuuf gaaffii dhiyeessan’’ keessummeessuu yaadateera.
Dabra Taaborii hanga Wiinzaritti
Jaarraa 19ffaa keessa Gondaritti kan dhaate ilmi mootii dhumni isaa biyya ormaa ta’e. Ilma Atsee Teewodiroos kan ture Alamaayyon dhaloonnifi guddinni isaa Dabra Taaboriidha. ALAMY
Alamaayyon Teediroos ilma tokkicha ta’uu baatullee Iteegee Xuruwarqirraa kan dhalateefi Maqdalaatti wajjin jiraataa kan ture mucaa jaalatamaadha.
Bara Itophiyaan mootota garaa garaan bulaa turte Atsee Teediroos Itoophiyaa tokkoomsuud deeggarsa waraanaa barbaacha Giiftii Ingilizii kan taate Viktooriyaadhaf bara 1862 ALI tti xalayaa barreessus deebii hin arganne. Kanarraa ka’uun Atsee Teediroos bakka buutota Ingilzii hidhe. Kuni ammoo seenaa Alamaayyoo qofa osoo hin taane kana Itoophiyaas akka jijjiiramu godhe.
Namoota qabaman gadi lakkisiisuf jecha Ingiliziin waraana 13,000 kan Sar Roobart Naappiyeerin durfamu gara Abisiiniyaa duriitti bobbaafte.
Antiroppoolojistiifi miseensa koree hambaalee Itoophiyaa deebistuu kan ta’an Pirofeesar Aluulaa Paankiraast, “Atsee Teediroos Biritaaniyaa waliin hariiroo gaarii qabaachuu fedhu turan….xalayaan Giiftittiidhaf barreessan deebii argachuu dhabnaan mishinaroota ukkaamsanii tursiisan. Biritaaniyaan Hindi irraa dabalatee Maqdalaatti bobbaafte” jedhan.
Waraana kanarratti loltoota qofa osoo hin taane ogeeyyin muuziyeemii Biritaaniyaas hirmaatanii turan. Waraana bara1868 ALItti gaggeeffameen Ingiliziin moote. Atsee Teediroos harka hin laadhu jechuun of wareege.
Jireenya biyya ormaatti
Waraana Maqdalaa booda, warri Ingilizii hambaalee qofa osoo hin taane ilma mootii kan ta’e Alamaayyofi haadha isaa Iteegee Xuwuwarq fudhatanii gara Biritaaniyaatti deemsa eegalan.
Karraara osoo jiranii Iteegee Xuruwarq dhibeen itti cimtee karraatti duute. Ilmi mootii Alamaayyon amma abbaas haadhas dhabeera.
Yeroo biyya Ingilizii gahu mucaa waggaa torbaa ture. Mootii Ingilizii kan turte Giiftii Viktooriyaa duratti erga dhiyeeffamee booda qalbii ishee akka hawwateefi akka ilma mootitti akka ilaalamu hayyamamuufii dubbatu Aluulaa Paankirast.
Ilmi mootii Alamaayyon namni isa guddisuufi kunuunsa akka qacaramuuf, bajanni baruumsafi qallaba isaa akka ramadamuuf Giiftii Viktooriyaan murteessiteef.
Ilmi mootii Alamayyoon nama Maqdalaadhaa isa fuudhee bahe Kaapteen Ispiidi faana jiraachuu eegale. Qondaala waraanaa kana wajjin walitti dhufeenya gaarii waan qabuuf isa waliin gara Hindiifi Biritiish Malaayaa kan turte imalee ture.
Andiriwu Hevaans kitaaba isaa “The Prince and the Plunder” jedhu keessatti warri Ingilizii ilma mootifi haadha isaa fuudhanii kan deemaniif diinonni Atsee Teediroos naannoo Maqdalaa turan fudhanii ajjeesu jedhanii nageenya isaanif waan yaadda’aniif akka ta’e barreesse.
Ilmi mootii Alamayyoon era Ingilizgeeffamee bodas mana taa’urra ala bahee taphachuu, farda gulufuu fa’aa akka jaalatu barreesse Andiriwu.
Yeroo ciree nyaachuf dhiyaatu yeroo hunda “Har’a farda nan garmaamsaa?” jedhee gaafate. Waa’ee guddina Alamaayyoo ilaalchisee Kaapten Ispiidi yeroo hunda gabaasa dhiyeessa. Almaayyon fayyaa gaarirra akka jiru, sammuu qaroofi afaan Ingiliffaa dafee baraa akka jiru barreessee ture.
Umurii isaa daa’imummaatti Kaapten Ispiidi irraa adda bahuufi mana baruumsa bulti galuun isaa itti ulfaatee akka ta’e himan Aluulaa Paankirast.
Guddiisaa Alamaayyoo kan turan Kaapteen Ispiidii guddina muciichaa ilaalchisee yeroo yerootti gabaasa dhiyeessaa turan.
Alamaayyoon fayyaa gaarii irratti akka argamuu, sammuu si’omaa akka qabuu fi Afaan Ingliizii saffiisaan barataa akka jiru barreessee ture.
Heevans kitaaba isaa keessatti Alamaayyoon yeroo tokkoo xalayaan hiriyaa saatiif barreessee gaazexoonni naannichaatti maxxanfama qabatanii bahanii akka ture kaaseera.
Lubbuunsaa darbuu
Ilmi Mootii Alamaayyoo jireenya gammachu hin qabne dabarsu isaa galmeewwan seenaa irraa arguun ni danda’ama.
Innis erga nama isa guddiisaa ture Kaapteen Isipiidiin gargara baheen booda, shakkiifi gaddaan ture jireenyasaa kan dabarse. Wayita dhukkuubbiin itti cimee du’atti dhiyaatee tureettis, ‘sommaa’eera’ jedhee yaaduu isaatti, nyaataafi dhugaatii fudhachuudhaaf fedhii hin qabu ture.
Heevansi kitaabasaa keessatti kanneen Ilma mootii Alammaayyoos hordoffii taasisan keessaa tokko, ‘‘summaa’eera jedhee waan sodaateef nyaataafi dhugaatii dideera,’’ jechuun Giiftii Viiktooriyaaf ergaa teleegiraamii ergee akka ture barreesseera.
Ilmi mootii Alamaayyoo erga gara biyya ormaatti geeffamee gara wagga 10 booda umurii wagga 18tti rakkiina qaama argansuutiin wal qabateen Sadaasa 14, 2879 lubbunnsaa darbeera.
Alamaayyoof gara laafiina kan qabaan Giiftii Viiktoriyaann du’a isaatti gaddanii turan. Giiftiittinis yaadannoo dhunfaa isaanii irratti erga du’a ilam mootii dhagahanii booda, akka ittaanuutti barreessanii ture. ‘‘Har’a ganama nama gaarii kan ta’e Alamaayyoo lubbuunsaa darbuu wayitan dhagaheetti gaddaafi naasuu cimaatu natti dhagahame. Qofaasaa biyya ormaatti, osoo firaafi maatii dhiyoo hin argiin…jireenya gammadaa hin qabu ture. Qormaata hedduutu isa mudatee ture. ..Namoonni yoo xiyyeeffannaan isa ilaalan bifa gogaa isaatiif itti fakkaata ture…Hundu baayyee gaddee.’’
‘‘Giiftiittiin isaaf gara laafeettii turte. Erga du’een booda rifeensa mataasaa gaafattee turte. Mootoonni riifeensa mataatiif eddoo olaana akennu. Giiftiittiin riifeensa mataa abbaa warraa saanii du’aan kan dhabanii qabu ture,’’ kan jedhan Aluulaan, ilmi Mootii Alamaayyoon masaraa keessatti akka awwaalamu kan taasifames ajajá Giiftii ta’u dubbatu.
‘‘Reeffiisaa osoo deebii’ee akka waan inni deebii’eetan yaada ture’’
Ilmi mootii Alamaayyoon erga lubbuunsaa darbeen boda bakka awwaalcha mootii Ingiilii itti raawwatamu Masaraa Wiinzar keessa akka boqatu taasifameera.
Dhiheenya kan kan boqatan Giiftii Elzaabeet fi abbaan saanii mootii Joorji 6ffaa dabalatee mootoonni Ingiliiz baayyeen masaraa Wiinzar keessatti awwalamaniiru.
Itoophiyaan garuu reeffii ilma mootii kanaa gara biyyaatti akka deebii’uuf irra deddebiin gaafataa turte.
Pirezidantii Itoophiyaa duraanii kan turan Obbo Girmaa Walgiyoorgiis bara 2007tti Giiftii Elizaabeetiif gaaffii ifatti dhiyeessanii garuu deebii hin argatiin hafan.
Maatiin ilma mootichaa Gondariitti argaman garuu umuriisaa gabaabaa biyya ormaatti dabarsee kan gaddaan lubbuusaa dabarte ilmi mootii kun mootoota Ingliizi bukkeetti awwaalamunsaa qofti ‘‘lubbuusaatiif boqonnaa hin kennu’’ jedhu.
Ilmi mootii Alamaayyoon masaraa Wiinzariitti erga awwaalamee waggoota 143 darbulleen, reeffiisaa gara biyyasaatti deebii’ee akka boqachiifamuuf maatii mootootaatiif gaaffii dhiyeessaa turan.
Dhalattoonni maatiin ilma mootii kan Gondariitti argaman keessaa magaalaa Anfiraanzi kan Gondariitti fageenya dhiyoorratti argamu keessatti guddatan, Aaddee Ababachi Kaasaa, Alamaayyoon akkuma gaddeetti du’e akkuma gaddeetti achiitti hafu hin qabaatu jedhan.
‘‘Astee Teediroos, Mashashaa teediroos dhalchan. Mashashaan ammo Dajaazimaach kaasaa dhalchan. Ani Ababachi Kaasaa intala Dajaazimaach Kaasaati,’’ jechuun hidha firoomaa ilma mootii Alamaayyoo waliin qaban himan.
“Alamaayyoon foon keenya. Reeffii akka deebii barbaanna. Biyya ormaatti akka hafu hin barbaadnu. Isa dhiisiitii meeshaa saaman illeen akka deebiisaniif gaafatamaa jiru bari,’’ jedhan.