Atileetiin Itoophiyaa Lammeechaa Girmaa fiigicha gufachiisaa dhiiraa meetira 3,000 Faransaay Paariisiitti gaggeeffameen rikardii addunyaa haaraa galmeessuun dorgommicha injifate.
Lammeechaan, dorgommii Daayimandi Liigii bara kanaarratti dorgommii gufachiisaa dhiiraa Jimaata Paarisitti gaggeeffameen rikardii haaraa galmeessuun injifate.
Sadarkaa idil-addunyaatti dorgommiin jalqabaa irratti hirmaate Daayimandi ligii Paaris bara 2019 irrattidha.
Kanaan dura Lammeechaan Olompikii Tookiyoo irratti fiigicha gufachiisaa meetira 3,000’n lammaffaa tahuun xumure.
Haata’u malee, dorgommii fiigicha gufachiisaa bara 2022tti Cheek Rippablik magaalaa Ostraavaatti gaggeeffameen, dorgommiicha 7:58.68 taheen xumuruun tokkoffaa bahuun rikardii biyyaalessaa haaraa galeessuun isaa ani yaadatama.
Qabxii Cheek Rippabliktti gameesse kanaanis Lammeechaan gufachiisa meetira 3000’n addunyaarraa atileetii yeroo kamuu jedhamuun sadarkaa 12ffaarra taa’e ture.
Akkasumas Lammeechaan baruma kana Guraandhala keessa fiigicha mana keessaa meetira 3,000 achuma Faransaayitti gaggeeffame ‘Meeting Hauts -de-France Pas-de-Calais’ jedhamuun rikardii waggoota 25 cabsuun injifate ture.
Lammeechaan marsaawwan xummuraa irratti saffiisa dabaludhaan rikaridii sa’aatii duraan qabamee ture sakandiiwwaniin fooyyeessuun 7:52:11 irratti xumuruun injifate.
Rikardiin duraanii dorgommii kanaatis 7:53:63 atileetii Kaataar Saa’iif Saa’eed Shaaheen dorgommii Biraasilas keessatti Fulbaana 3, 2004 gaggeeffameen kan qabame ture.
Lammeechaan dargaggoon umuriin wagga 22 kunis garaagarummaa sakandiiwwan 17 kan isatti aanee lammaffaa bahee lammii Jaappaan Ryuji Miuraa dursuun xumure.
Atileeti Ryuji Miuraa kan biyyasaatiif rikardii haaraa galameesseef dorgommichaa 8:09:91 irratti xumuruun lammaffaa yoo bahu lammiin Ispeen Daani’eel Arkee ammo 8:10:63 irratti xumuruun sadarkaa sadaffaan injifateera.
Ofii Lammeechaan Girmaa eenyuu?
Lammaachaa Girmaa dhaloonni isaa Godina Arsiiti. Jalqaba Kilaba Atileetiksii Xirunash Dibaabaa magaalaa Asallaatti argamutti 1500m leenji’uuf seene.
Haata’u malee, leenjisaan kilabichaa Kaffiyaalewu Alamuu hojjaafi utaalchoo isaa erga hubatanii osoo gufachiisaan leenji’e gaarii ta’a jedhanii yaadan.
Boodarra Lammeechaan Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Magaalaa Finfinnee argamu seenuun leenjisaa gufachiisaa biyyaalessaa Tashoomaa Kabbadaa jalatti leenji’uu eegale.
Achirraa jalqabee dorgommii biyya keessaa garagaraa irratti hirmaatuu eegale. Sadarkaa idil-addunyaatti dorgommiin jalqabaa irratti hirmaate Daayimandi ligii Paaris bara 2019 irrattidha.
Dorgomee sadaffaa bahe. Itti aansees Daayimandiligii Biraasalsitti fiigee sadaffaa bahe.
Atileetonni inni yeroos waliin dorgome keessaa har’a dorgommii xumuraa irratti kan waliin fiigu, El BakkaliSoufiane, ni jira.
Ergasii booda ture Lammeechaan Shaampiyoonaa Atiletiksii Addunyaa bara 2019 Doha dorgomame irratti seenaa kan dalage.
Atileetii Keeniyaa Conseslus Kipruto Olompikii Riyoo irratti fageenyichaan warqii argate waliin walfalmee lammaffaa bahe.
Medaaliyaan meetii yeroos Lammeechaan gonfate medaaliyaa jalqabaa Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti argattedha.
Kanaanis bara 2019 Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa irraa badhaasa ‘Atileetii dargaggoo waggaa kanaa’ jedhamu badhaafame.
Karoora isaa yeroosi Atileetiksii Addunyaatti yoo himuus ”Olompikii irratti warqii biyya koof fiduudha,” jedhe. Olimpiikii Tookiyoo irratti medaaliyaa meetii argamsiisuu danda’eera.