Torbanoota darbe keessa jilli gargaarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN)n durfamu gara Kaaba Tigiraayitti imalee ture. Kaayyoon imala jila kanaa ammoo akkaataa gargaarsi itti rabsamaafi qaqqabaa jiru taajjabuudhaaf akka ta’e ragaa BBCn bakka sanarraa argate ni mul’isa.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Itti-gaafatamaan Qindeessaan Waajira Gargaarsa Namoomaa Itoophiyaa [OCHA-Itoophiyaa] Miisheel Saad, jilli kun bakkawwan haaraa gargaarsi hin qaqqabiin akka jiran arguufi [daawwannaa milkaa’aa ta’e] akka ture BBC’tti himaniiru.
Bulchana yeroo godinichaa Obbo Takilaay Gabremedihin gama isaaniitiin gareen aanga’aan OCHA-Itoophiyaatiin dufame kun magaalaa Shiraarootti qondaalota naannawaa sanaa, akkasumas ajajoota humna waraanaa Itoophiyaa bakka sanatti argaman waliin haasaa taasisuu isaanii ibsaniiru.
Kaayyoon imalichaas bakkawwan gargaarsi hin qaqqabiin jirutti haala uummataafi qonnaan-bultoonni keessa jiran taajjabuuf akka ture bulchaan godnichaa BBCtti himaniiru.
“Bakka bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaas waliin waan turaniif, fakkeenyaaf tajaajila fayyaa argachaa akka hin jirre agarsiisuuf ilaaluuf ture. Humnoonni Ertiraa naannoo sana keessa waan jiraniif gargaarsa qaqqabsiisuu hin dandeenye dhimmi jedhu qaama marii sanaa ture,” jedhan Obbo Takilaay.
Bulchaan Godina Kaaba Tigraayis garee kana waliin ta’uun imalaniiru.
Yeroo daawwatan kanattis waanta isaan mudate akkasiin ibsan: “Naannawaa Adimeeyit jedhamutti bakkaa addaa Adii-Asar jedhamuun beekamutti darbuudhaaf yeroo yaalanitti humni Ertiraa keellaa irratti dhaabsisanii ‘kana darbuu hin dandeessan’ jechuun isaan dhowwaniiru”.
“Otuudhuma achi jirruu akka deebiyan taasisan; isaaniif hin hayyamne. Akka darbinuuf nuuf hayyamuu hin dandeenye. Hanga meeshaa mirmirsuuttiyyu gahanii ture,” jedhan.
Akka aanga’aan yeroo godina Tigraay kun ibsanitti, daawwannaan gandoota gargaarsi namoomaa hin qaqqabnetti taasifamuuf karoorfamee ture sababa kanaan haqameera.
Lafti qonnaa bal’aa Taahitewaay Adiyaaboo jedhamu kan jiru to’annoo isaanii jala akka ta’e bulchaan kun BBCtti himaniiru.
Itti-gaafatamaan OCHA-Itoophiyaa Miishel gama isaaniitiin, hojjetoonni dhaabbatichaafi dhaabbileen gargaarsa namoomaa dhiyeessan baayyee keessaa jilli babahe kun Caamsaa 25 fi 26 gandoota baadiyyaa keessa sosocho’uu ibsaniiru.
Wayita daawwannaa kanaattis waan mudates akkas jechuun ibsan: “Jilli kun kanaan dura bakkawwan gargaarsi hin qaqqabiin gara caalu daawwachuu danda’aniiru. Bakka eeram [Gamahaaloo] sanatti waan nu mudateen alatti daawwannaa milkaa’aa ture. Tarii hanqinni odeeffannoo kan ture natti fakkaata. Bakka eerame sanatti akka yaadametti jilli kun itti fufuu hin dandeenye,” jechuun ibsan.
“Gandoonni tokko tokko osoo hin qaqabamiin turan,” kan jedhan Itti-gaafatamaan kun, waajjirrisaanii eddoowwan kanneen mallattoo diimaadhaan akka isaan kaa’eafi imalliwwan eddoowwan wal fakkaataniitti taasifaman xiyyeeffannaa addaa kan barbaadan akka ta’an ibsan.
“Godinni kun rakkoo waraanaan booda uumame keessatti argama. Naanawa akkasii keessa hojjachuun, naannawa waraanni keessa hin jirre keessa hojjachuun kan wal fakkaatu miti. Danqaalee hedduutu si mudata. Hjjattootas guyyaa guyyaan kan isaan mudatus kanuma. Kanaaf, taatee kana akka waan guddaatti hin ilaalu,’’ jedhan.
Garichi jiraattota, bulchiitootaafi qaamoolee gahee qaban kan biroo waliin kan mari’ate yoo ta’u, dowwannichis hojiisaanii itti fufuuf barabaachisaa akka ta’e dubbatan.
Bulchaan godinichaa Obbo Taklaay BBCtti akka himaniitti, loltoonni Eritraa hollaawwan aanaa Taahitaay Adiiyaabootti argaman hedduu to’atanii kan argaman yoo ta’u, buqqaasuufi hanna loonii akka raawwatananiifi bu’uuraalee misoomaa akka mancaasaa jiran himataniiru.
Jilli kun dowwannaa wayita taasiseetti, dhorkamuu, akkasumas loltoonni Ertiraa naannicha to’ateera isa jedhamurratti mootummaa Ertiraa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifne nuuf hin milkaa’in hafeera.
Waliigalteen booda
Ittigaafatamoon Waajjira OCHA Itoophiyaa Miisheel erga waliigalteen nagaa Pirotoriyaatti Sadaasa 2022 mallattaa’een booda, waliigala Tigraayiitti dhiyeessitiin deeggarsa namoomaa fooyyee agarsiiseera.
Sagantaan Nyaata Addunyaafi USIDn baatii afuriin dura Tigraayiitti midhaan gargaarsaa hatamuun gabaatti akka gurguramu ilaalchisee gabaasni waan nu qaqabeef jechuun naannichatti deeggarsa dhiyeessaa turan dhaabunsaanii ni yaadatama.
Sababii kanaanis duutii namootaa dabalaa dhufuu miidiyaaleen naannichaa gabaasuurratti argamu.
Mootummaan Itoophiyaafi TPLF waraana hamaa wagga lamaaf gaggeessaa turaniin booda baatii Sadaasaa keessa waliigaltee nagaa Afriikaa Kibbaatti mallatteessuun ni yaadatama.
Waliigalticharrattis humnootiin alaafi hidhattoonni miseensa raayyaa ittisa biyyaa hin taane naannoo Tigraay keessaa gutummaan akka bahan murteen gaafatu hammatameera.
Looltoonni Ertiraa kanneen waraana Tigraay keessatti raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa maddii hiriiruun lolaa turan waliigalticha hordufuun eddoowwan Tigraay hedduu keessaa akka bahan himama.
Haata’u malee, Bahaafi lixa Tigraayiitti naannoolee tokko tokko ammalleen to’atanii akka jiraniifi jiraattoota naannichaa rakkoolee cimaadhaaf saaxilaa akka jiran hoggantoonni Tigraay irra dedebiin ibsaa jiru.
Torbaniin duras Pirezidantiin Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa, ‘‘humnootiin Ertiraa Kabachiftoonni Nagaa Gamtaa Afriikaa hojii to’annoofi hordoffii akka hin raawwanneef dhorkaniiru’’ jechuu isaanii TV Tigraay gabaaseera.
Mootummaan Ertiraas ta’e kan Itoophiyaa garuu dhimma kanarratti yaadni kennan omtu hin jiru.