Muhaabbaa Huseen dhalattee kan guddatte Walloo bakka Garbaa jedhamutti.
Dubartii umurii waggaa 33 kan taate Muhaabbaan ijoollummaasheetti jireenya rakkisaa akka dabarsite dubbatti.
Haatiifi abbaanshee sababa gargar bahaniif umurii waggaa jahaa irraa kaastee mana nama gara garaatti qacaramtee hojjechuu eegalte.
Mana itti qacaramtetti saawwan eeguurra darbee, bishaan waraabuu, qoraan funaanuu, akkasumas miseensota maatii hojii qonnaatti bobba’aniif nyaata geessuudhaan tajaajilaa turte.
Waqtii qonnaattis meesiifi aramaa irrattis hirmaataa akka turte yaadatti.
Isheen akka jettutti kan kanaan ishee gahe abbaashee yoo ta’u miindaa isheef kaffalamullee fudhatee faayidaa dhuunfaasaatiif oolfata ture.
“Haati koofi abbaan koo sababa waliin hin galleef abbaan koo akkan haadha koo waliin jiraadhu hin barbaadu ture,” jetti Muhaabbaan.
Muhaabbaan mana akka horii tiksituuf itti qacaramte kan isheef kaffalamaa ture yeroo dubbattu, “ waggaatti Birrii 10 ture. Isayyuu dhufee kan fudhatu abbaa kooti,” jetti.
Muhaabbaan humna ijoollummaashee hunda osoo hin qusatiin tajaajiltullee nyaataanis baay’ee miidhamaa akka turte dubbatti.
“Dhiibbaa hojichaa malee mana keessatti hanqina nyaataan rakkachaa ture.
”Ganama yeroon manaa bahu kubbaayyoo xiqqootti areera naaf kennanii, galgala yeroon deebiyu ammoo mulluu boloqqee ture kan naaf dhiyaatu,” jetti.
Addunyaarratti namoonni miiliyoona 50 ta’an gabrummaa ammayyaatiif saaxilamanii hojii humnaan miidhamaa akka jiran qorannoon ni mul’isu.
Isaan keessaa ammoo harka dhibba keessaa 70 kan ta’an dubartootaafi shamarranidha.
Muhaabbaan hiriyyoonnishee dabtara qabatanii yeroo gara mana-barumsaa deeman yeroo argitutti baayyee hawwiti ture.
Fedhii barnootaaf qabdu garuu mana namaa osoo hojjettuu milkeeffachuu hin dandeenye.
Umuriinshee dabalaa dhufee gaaffii barumsa barachuun barbaada jedhu maatiisheef yeroo dhiyeessitutti “umuriin kee gaa’elaaf gaheera. Kanaan booda barachuu hin dandeessu” jechuudhaan dhorkan.
Yeroo kanatti ture mana namaa keessa hojjechuu keessaa baatee hojii humnaa kan guyyaa hojjetaa barumsa jalqabuu kan murteessite.
“Mana barumsaa galuuf yeroon murteesse umuriin koo wagga 13 ta’a ture,” jetti.
Maallaqa hojii humnaa guyyaan hojjettee argattu meeshaaleen barnootaa bibbitattee mana-barumsaatti galmoofte.
“Saantiima dabtaraafi qalama irraa naaf hafan hunda maatiifan oolche,” jechuun kan darbe yaadatti Muhaabbaan.
Obbolaan dhiiraafi dubaraa baratan waan qabduuf isaaniis, haadhashees hanga dandeessu akka gargaartu dubbatti.
Hanga kutaa ja’a geessutti barnootasheetti cimtuu akka turte kan himtu Muhaabbaan, hojii humnaa guyyaa hojjetanii maatii gargaaruu, karaa biraan ammoo barnoota barachuun qormaata itti ta’e.
Kanaaf, maaliifan gara biyya Arabaa deemee jireenya mataa kiyyaafi kan maatii koo hin jijjiiru jechuun murteessite.
Gara Sa’ud Arabiyaa kan deemte karaa dallaalota seeraan alaatiin ta’uu kan dubbattu Muhaabbaan, ji’a ja’a erga hojjeteen booda hojjechiiftuun ishee miindaashee waan dhowwatteef mana hojjettuu baddee baate.
Mana hojjettuu baddee hojii argachuun garuu akka yaadde salphaa hin taaneef ture.
Karaa dallaalaatiin barbaachiftee hojiin argatte gara baadiyyaa akka ture himti Muhaabbaan. Kan raftu ammoo mana-qulqullinaa maatii sanaa keessa lafa seraamikii (dhagaa) ta’erra hafattee ture.
“Seraamikichi qorraa ture. Yeroo muraasaan booda harkaafi miila kiyya sochoosuun na rakkise,” jechuun yeroo sana rakkoo fayyaa baadiyyaatti ishee mudate yaadatti.
Harkiifi miillishee dhiita’ee socho’uu yeroo dadhabdetti lammiileen Itoophiyaa Sa’udii jiran ishee wal’aanaa waggaa tokkoof turteetti.
Waggaan booda garuu abjuunshee Sa’udiitti hojjetanii jijjiiramuu jedhu akka maseene yoo hubattu gara Itoophiyaa dhufte.
“Yeroon dhufe harka koo qullaan dhufe,” jechuun haala ture dubbatti.
Walitti bu’insi irra deddeebiin Itoophiyaatti dhalatan, iyyummaan hamaa, akkasumas hoji-dhabdummaan dubartoota hedduu karaa baay’ee hamaa ta’een hojii barbaachaaf akka biyyoota Arabaatti deeman sababoota taasisan keessaa warra eeramanidha.
Baay’een isaanii abdiin hin jirre guddifamee itti himamee, balaa isaan duraan isaan eeggatu osoo hin hubatiin, karaa dallaalota seeraan alaa gara biyyoota Arabaatti qajeelanis waan yaadan osoo hin argatiin hafanii harka qullaa gara biyyaatti deebiyaniiru.
Isaan keessa Amiinaat ishee tokkodha.
Amiinaat gara Dubaay yeroo deemtu umuriinshee waggaa 17 ture.
Maatiinkoo dandeettiin isaan na barsiisuuf qaban gadi aanaa waan tureefan jiruu baqaa filadhe jetti.
Gara Dubaay kan deemtes karaa dallaalota seeraan alaa akka ture kan dubbattu Amiinaat, yeroo sanatti miindaan ji’aa Dirhaama 500 akka ta’e itti himamee ture.
Yeroo sanatti Dirhaama 500 gara Birrii Itoophiyaatti yeroo jijjiiramu gara kuma lamaa waan tureef gammaddee ture.
Dubaay geessee hojii yeroo jalqabdu hojjechiiftuun ykn dubartiin ishee qacaratte baayyee hamtuu akka taate hubatte.
Hojichis baayyee ulfaataa ture. Maatishee waliinis ta’e namoota biroo waliin waliif bibiluu hin dandeessu ture. Manaa ba’uunis dhorkaadha.
Amiinaat hojjechiiftuushee waliin dandeettii afaanii ittiin waliigaltuyyuu hin qabdu ture.
“Ana dura galtee kan turte afaan xiqqoo xiqqoo ni dandeessi ture,” jetti Amiinaat.
Miira hojjeechiiftuushee kana hubachuudhaaf sagaleesheefi jijjiiramuu fuulaa/faarashee qofaa ilaalaa kan hojjettu Amiinaat, wanti guyyaa tokko ta’e mudannoo jireenyashee jijjiire.
“Mucaa ana dura mana sana keessa hojjechaa turte sana waliin wal lolanii ajjeefte,” jetti waan mudate yaadachaa.
“Isheen na qacarattee na hojjechiifattu kun hojjettuushee ajjeeftee yeroon argu ofin wallaale,” kan jettu Amiinaat sammuunshee fayyaa dhabuu himti.
Yeroo kanatti gara Itoophiyaatti akka deebitu ishee taasisani.
Gara Finfinneetti yeroo deebitu garuu miila qullaa akka turtee fi mallaqi homti harka isheerra akka hin turre ni yaadatti.
Magaalaa maatiin ishee jiran gara Dasseetti imaluuf maallaqa ishee barbaachisu kan aragatte gumaacha imaltoota buufata xiyyaara Boolee irra akka ta’e himti.
“Xiqqoo xiinsammuunkoos waan xuqameef maatii bira deemee taa’uunis cimaa ture,” jetti Amiinaat.
Hojjettee jireenya ishee jijjiruuf karoorri isheen qabdu sababa sammuun ishee jeeqameef waan addaan citeef, Amiinaat hanga tokko erga tasgabbooftee booda gara biyya Arabaatti deebitee hojjettee of jijjiiruuf yaadde.
“Wanta narra ga’es yaadaan ture. Garuu inni tokko yoo natti hammaatu inni biraan akkas hin ta’u jedhee yaadeen murteesse,” jette.
Sana booda deebitee gara Saawudii Arabiyaatti imaltus, yeroo muraasa booda miindaan ishee xiqqaa waan ta’eef baatee dhuunfaa isheen akka hojjetuuf hiriyyootni ishee gorsani.
Gorsa isaanii dhageessee baatus, akkuma ishee seeraan ala nama achi jiraatu waliin hariiroo jaalalaa qabdun ulfi garaatti ishee hafe.
Sana booda Saawudii keessa turuu waan hin dandeenyeef gara Itoophiyaatti deebitee deesse.
Deessee ciistee utuu jirtuullee “deebi’ee galaanaarran deemuu kajeelaan ture,” jetti.
Hojii galii garii qabaatee jireenya ishee jijjiruu danda’u biyya keessa argachuu waan hin dandeenyeef, ammas yeroo sadaffaaf gara biyya Arabaa deebitee deemte.
Daa’imashee lammaffaa erga deessee booda garuu gargaarsa firoota fi hiriyyoota isheen waa xiqqoo eegaluuf murteessitee ‘peestirii (buskutii)’ bisheessitee gurguruu eegalte.
Qorannoon Dhabbata Hojjetootaa Idil Addunyaa dhiyeenya gaggeeffame akka mul’isutti addunyaarra hojjetoota manaa miiliyoona 75.6 ol ta’anitu jira.
Afrikaa keessa qofa namootni miiliyoona 9.6 ta’an hojjetoota manaa ta’uun qacaramani hojjetu.
Hojjettoota manaa kunneen keessa %76 kan ta’an ammo dubartootadha.
Hojiin kun dubartoota hedduuf carraa hojii kan kennuuf ta’us, miindaa gadi anaa fi sa’aatii dheeraa boqonnaa malee waan hojjetaniif humni isaani ni qisaaseffama.
Keessumaa karaa seeraan alaan gara hojii kanaatti namoonni seenan haleellaa fi garbummaa ammayyaaf saaxilamu.
Haadha ijoollee shanii kan taate Taaggesech Danaan haala kanaaf fakkeenya ni taati.
Taaggesh maaliif gara Sudaanitti akka imalte yemmu dubbattu ‘garaa ijoolleekoo guutuun dadhabe’ jetti.
Abbaan warraa ishee qonnaan bulaa ta’us galiin isaa garuu maatii isaaniif ga’aa hin turre.
Abbaan ishee maallaqa dallaalotaaf kaffalamuuf kenneefi imala ishee gara Sudaanitti eegalte.
Karoorri ishee yeroo gabaabaa keessatti hojjettee maallaqa kana deebisuufi ture.
Lukaa fi konkolaataan imalli ture cimaa akka ture kan himtu Taaggasach, dallaalaan kun Sudaanitti hojii argateefi qacaramte.
Ganamaa amma galgalaatti hojettus nama ishee qacare gammachiisuu hin dandeenye.
Guyya guyyaan reebichi akka irra ga’aa ture himuun, ji’atti miindaa paawundii Sudaan 1200 akka kaffalamuuf waliigaltee kan turte ta’e hojjechisaan ishee waan hin gammadneef ari’amte.
“Ji’a shan booda miillakoon gara biyyattiin deebi’e” jetti.
Bara 2021’tti Action Aid garbummaa ammayyaa Gaanaa fi Itoophiyaatti uumamuuf ittisuuf piroojektii eegale.
Piroojektii kanaan dubartoonni biyya Arabaa irraa deebi’anii fi rakkoo adda addaaf saaxilaman bu’aa akka argataniif kan yaadame ta’u odeeffannoon dhaabbaticha ni eera.
Hoggantuun Action Aid Itoophiyaa Aadde Tinnabab Birhaane, godaansa seeraan alaa Itoophiyaa keessa jiruuf rakkoon inni ijoo carraan hojii bu’ura ta’e dhibuu akka ta’e himu.
Wajjirri Action Aid Itoophiyaa gargaarsa mootummaa Norweey irraa argateen nannoo Amaaraa, Kibbaa fi Finfinnee keessatti dubartoota godaansa irraa deebi’an 600 gargaaru isaa ibsaniiru.
Dubartoonni kun ogummaa daldalaa fi qusannoo irraatti leenjii akka argataniif dhabbatni kun dhaabbilee miti mootummaa biyya keessa waliin hojjeta.
Taaggasach leenjii lamaanii fi maallaqa ka’uumsaa birri 8,000 fudhattee jalqaba kan bitattee harree akka ta’e himti.
Maallaqa isa hafeen ammo gaangee bittattee daldala eegalteetti.
Leenjii fi liqaa kanaan Muhaabaa Huseen fi Amiinaat Sayiidis jireenya isaani jijjiruuf akka carraaqaniif isaan gargaareera.
Muhaabaan Sawudii irraa erga deebitee ijoollee ishee deesse lamaan barsiistee guddisuuf karoora akka qabdu yoo himtu, Amiinaat ammo lamuu deebi’ee gara Saawudii hin laalu, namni kaaniis akka achi deemuuf hin gorsu jetti.
Adde Tinnabab “hojii barbaacha warra godaanan dabalatee mirga hojjetoota manaa Itoophiyaa keessa jiran eegsisuuf falmuu qabna,” jedhu
Dabaluunis mootummaan mirga namoomaa hojjetoota manaa hunda akka eegsiisuu fi akka kabajchiisuuf konveenshiniin dhaabbata hojjetoota idil addunyaa 189 raggaasisuu qaba jechuun gaafataniiru.
Seerotni biyya keessa jiranis namootni kunneen akkuma lammiilee kaanii mirga hojjetootaa fi eegumsa hawaasummaa akka kabajan gaafataniiru.