Haleellaa qilleensaa magaalaa guddiitti Sudaaan, Kaartuum keessatti gaggeeffameen ijoollee shan dabalatee namootni 17 ajjeefamuu angaa’onni himan.
Haleellaa Sanbata naannoo Yarmuuk bakka jiraattonni itti hudduummatan irratti raawwateen, manneen jireenyaa 25 barbadaa’aniiru.
Kunis kan ta’e erga jeneraalli humna waraanaa tarkaanfii RSF irratti fudhatan akka dabalan dhaadatanii guyyaa tokko boodadha.
Lolli humna waraanaa Sudaanii fi RSF jiddutti kan eegale Ebla keessa sababa hoggansaa waraanaa biyyattii argachuuf morkii uumameeni.
Waxabajjii jalqabarra, Yarmuuk, bakki dhabbati oomisha meeshalee waraanaa keessatti argamu guutummattii RSF’n to’atamee ture.
Haleellaa kana booda qaamoolee wallolaan Dilbata ganama sa’aatii tokko irraa eegalee sa’aatii 72’f dhukaasa dhaabuuf waligalaniiru.
Waligalteewwan dhukaasa dhaabuu kana dura taasisaman hin kabajamne.
Lola kana keessatti lakkoofsi namoota ajjeefamanii ifatti hin beekamu ta’us, namoota nagaa dabalatee 1,000 ol akka du’an ilmaamama.
Akka gabaasa UN’tti, namootni miiliyoona 2.2 ta’an biyyatti keessatti buqqa’anii, walakkaa miiliyoona ol ammo biyyootii ollaatti baqachuun da’atanii jiru.
Lammileen nagaa lola kana jalaa akka baqataniif waliigalteewwan dhukaasa dhaabuu hedduun labsamanii turanis hojiirra hin oolfamne.
Haleellaan dhiyeenya taasifame lammilee nagaa naannoolee Maayoo, Yarmuuk fi Mandeelaa keessa jiran irratti kan xiyyeefate ture, akka RSF jedhutti. HumnI waraanaa kana irratti deebii hin kennine.
Erga lolli kun eegalee lammileen nagaa kumaatamaan lakka’aman, biyya oollaa Chaaditti baqataniiru.
Ogeessotni fayyaa fi hospitaalotni biyyatti humna isaanii ol ta’ee tajaajila keennuu dadhabaniiru.
Lolli kun dabalataaniis waldhabdee gara wagga digdamaaf Lixa Sudaan Daarfuur keessa ture deebisee kaaseera.