Mucaa xiqqaan umurii ganna torbaa Galataa Damboobii jedhamu, aanaa Adoolaa Reeddee ganda Cembee irraa osoo qoraan gurguruu mul’ate ijoo dubbii ta’ee turun ni yaadatama.
Abbaan mucaa xiqqaa kanaa Obbo Damboobii Wodhiboo turtii BBC waliin taasisanii turan irratti, hiyyummaan akka malee maatii isaanii waan miiteef daa’imni xiqqaan kun osoo hin hafne qoraan gurguruu barachuuf akka dirqe dubbatanii ture.
Mucaan kun qoraan baatee miilan daqiiqaa 40 hanga sa’aatii tokkoo deemuun magaalatti gurguree akkaa galu gabaasuun keenya niyaadatama.
Oduu mucaa xiqqaa kanaa kan argan jiraataam Ameerikaa Kutaa Arizoonaa Obbo Abarraa Boggaalaa, seenaa mucaa xiqqaa kanaa jijjiiruuf murteessuu BBC’tti himan.
Jalqaba seenaa mucaa kanaa akkamitti akka arganiifi waan isaanitti dhagahame hedduu kan miira isaanii tuqe ta’uu dubbatu.
“Mucaan xiqqaan kun qoraan baatee magaala keessa deemee gurgura kan jedhu miidiyaa irraa arge. Baayyeen rifadhe miira addaatu natti dhagahame.
Booda dhugummaasaa qulqulleeffadhee jennaan dubbichi dhuguma ta’e,” jedhan.
Suura sana argee jennaan garaan na hammaateen mana gale. Gaafan mana gahu haati warraa kiyyas waan kana argitee akkuma anatti dhagahame isheettis dhagahame. Booda maal haa gargaarru jennee mari’anne,” jedhan Obbo Abarraan.
Jalqaba mucaa xiqqaan kun qoraan gurguruu kana dhiisee mana barumsaa akka seenuufi baasii isa kutaa tokkoo hanga barnoota olaanaatti gargaaruuf murteessuu himu.
Ergasii maatii isaa waliin erga mari’ataniin booda maatiin gurbaa kanaas rakkoo keessa waan jiraniif mucaa kana achitti barsiisuun akka yaannetti bu’aa akka hin fidne irratti waliigalle jedhan.
“Maatii kiyyaafi maatii isaa waliin waldubbisnee mucaa kana miseensa maatii keenyaa goonee as gara Ameerikaa fidnee guddisuuf waliigalle.”
Ameerikaa geessanii akka ilma isaaniitti guddifachuuf akka walii galan kan himan Obbo Abarraan, maatiin isaanii fi maatiin mucaa murtii kana gammachuudhaan simatan jedhan.
“Maatiin mucaa gammachuu guddaa natta agarsiisan. Akka ilma keetti abbaa ta’iifii guddisi naan jedhan.
Amma adeemsa ittiin mucaa kana gara Ameerikaa fidu jalqabuuttin jira. Dhimmoota karaa Immigireeshiniifi dhimma alaa ilaallatan adda baasaan jira,” jedhan
Adeemsa Ameerikaa jiru ragaalee barbaachisu gula deemeen adda baasa kan jedhan Obbo Abarraan, ogeessa seeraa qacarachuun adeemsa mucaa kana gara Ameerikaa fiduu akka hojjetanis himu.
“Kara Ameerikaa kan jiru akka barbaachisummmaa isaatti Ogeessa seeraa qacaradheen xumursiisa. Kan gama Itoophiyaa jiru ammoo amma baatii lamaan duuba garas waanin deemuuf ofumaan deemeen haala mijeessa jedheen yaadeera,” jedhan.
Mucaa xiqqaa hiyyummaan hojii umriisaatiin hin madaalle hojjachiisuu jalqabde kana gara Ameerikaa geessanii hanga miseensa maatii isaanii afraffaa godhatanitti boqonnaa akka hin qabnes dubbatan Obbo Abarraan.
“Mucaa kana asitti fidee akka baratu, akka carraa gaarii jiraatu gargaara. Innimmoo boru bakka guddaa gahee arguun fedha.
Gaafas innis namoota akka isaa rakkoo keessa jiraniif gaaddisa akka ta’un yaada. Gaarummaan haala kanaan guddachaa deema” jedhan Obbo Abarraan.
Abbaan mucaa xiqqaa kanaa Obbo Damboobii Wodhiboo yaanni gaariin Obbo Abarraan mucaa isaanitiif yaadan isaan qofa osoo hin taane warra ganda isaaniilleen akka gammachiise BBC’tti himan.
“Guddoon gammade. Akka mucaa isaatti akka guddisu, abbaa akka ta’uuf waliigalle. Innimmoo boru guddatee nu gargaara,” jedhan.