Yakkawwan waraanaa addunyaarratti biyyoota akka Soriyaa, Yukireen, Sudaan, akkasumas Itoophiyaa keessatti akka raawwatame himama. Gochaawwan yakkawwan waraanaa kunneen wayita raawwatamutti darbee darbee viidiyoon ni waraabbama.
Suuraaleenis miidiyaalee hawaasaa kan akka YouTube, Facebook ykn Instagraam irratti ni baafamu.
Haata’u malee, miidiyaalee hawaasaa kunneenis viidiyoowwan akkasii imaammata isaanii cabsu jechuun dafanii haqu.
Viidiyoowwaniifi suuraaleen miira namaa miidhuu danda’an saffisaan haqamu.
Haata’u malee, viidiyoowwan silaa yakkamtoota waraanaa seeratti dhiyeessuuf akka ragaatti mana murtiitti dhiyeeffamuu danda’an maaliif waliin haqamu?
Gabaasa qorannoo BBC dhimma kanarratti raawwateen, itti gaafatamummaan suuraalee kanneen haquu kan kenname maashinaaf ta’uu adda baaseera.
Dhaabbata Facebook duraanii Meettaa ammaa irra caala hojii haquu kan raawwatuuf hubannoo nam-tolchee (AI) dha.
Teeknolojiin kun ammoo suraan tokko ‘sukkanneessaa, jibbisiisaa’ ta’u malee raga yakka waraanaa ta’e dhiisee adda baasuu hin danda’u.
Amma falmitoota mirga namoomaa yaaddeessaa kan jiru viidiyoowwan sarbama mirgootaa agarsiisan osoo hin galmaa’iin sababii kanaatiif badusaaniti.
Viidiyoowwan kunneen miidiyaalee hawaasaarraa haabuufaman malee garuu galmaa’uu hin qabanii?
Nuti odeeffannoo hin haqnu- YouTube
Meettaafi YouTube ‘viidiyoowwan fi suraaleen sukkanneessaa’ kanneen faayidaa ummataaf haqi argamuuf kan fayyadu yoo ta’e fuulasaanii irraa akka hin buufne dubbatu.
BBCnis kana mirkanneeffachuuf viidiyoo ajjeechaa sukkaneessaa Yukireenitti namoota nagaa irratti raawwatame agarsiisu Facebook fi YouTube gubbaatti fe’uudhaaf yaalee ture.
Haata’u malee, dhaabbilee lamaanuu sa’aatii muraasa keessatti haqan. Sababiin isaas kan haqu hubannoo nam-tolche waan ta’eefiidha.
Falmitoonni mirga namoomaa dhaabbileen miidiyaa hawaasaa kunneen saffisaan karaa ittiin odeeffannoo faayidaa qaban ittiin eegan barbaaduu qabu jedhu.
Alan Rasibiriijar dhaabbata Meettaa keessatti miseensa to’ataa boortiiti. Rakkoon maashina hubannoo nam-tolchee waliin kan wal qabatu akka ta’e kaasuun, maashinichi suuraaleefi waraabbii sukkanneessoo saffiisaan haqu jedhu.
Boordiin to’annoo kunis dhaabbata Meettaa Maarki Zaakarbargiin durfamu keessatti akka ‘mana-murti olaanaatti’ ilaalama. Meettaan ammoo Facebook fi Instagraam of jalaa qaba.
‘‘Ammatti yaadni dhaabbileen kunneen attam goonee IA viidiyoowwan fayyadoo ta’an kanneen hin fayyadneen akka adda baasan dandeessifna kan jedhuudha,’’ jedhan Alan.
Alan duraan qopheessaa mummee Gaardiyaan ture.
Been Vaan Shaak Ambaasadar Ameerikaa Global Logistics’tti. ‘‘Eenyuyyuu dhaabbileen kunneen maaliif to’attan jechuu hin danda’u. Rakkoo kan ta’u odeeffannichi tasa yo haqamuudha,’’ jedhan.
Rakkoon kun Ihor Zaakarinkoos mudateera. Zaakarinkoon gaazexeessaa imalaadha. Weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte hordofuunis haleellaawwan namoota nagaarratti raawwatan waliitti qabaa ture.
BBCn gaazexessaa kana kan argate magaala Kiyiiv irraa fagaattee bakka argamtuutti ture. Magaala kana keessattis wagga dura daa’imman irratti osoo hin hafiin ajjeechaa sukkaneessaan raawwatameera.
Looltoonni Raashiyaas kana kan raawwatan wayita magaalattii keessaa baqatanii bahaa turanitti ture.
Gaazexessaan kunis reeffa namoota 17 fi konkolaattoota gubatan suuraa kaaseera.
Gochaa kanas ummanni addunyaa akka argu barbaadees Facebook fi Instagirama isaarratti maxxanse. Takka ture yoo ilaalu hin jiru.
Eessa deeme? Maaltu haqe?
‘‘Warri Raashiyaa kun soba, nuti loltoota malee namoota nagaa hin ajjeefne jechaa turan,’’ jedha gaazexessaan kun. Haata’u malee, battalumatti haqame.
BBCn viidiyoowwan gaazexessaa kanaa irra deebiin Instagraamiifi Facebook irratti maxxansuun waan mudate ilaaluuf yaaleera.
Viidiyoowwna afur keessaa sadi daqiiqaa tokko keessatti haqaman.
BBCn deebiise akkaawuntii haaraan sarbamni mirga namoomaa mudachuuf ragaa ta’uu eeruun deebiise Facebook irratti maxansuuf yaale. Milkaa’u hin dndeenye.
YouTube fi Meettaan viidiyoowwan sarbama mirgaatiif ragaa ta’an hin haqnu jedhu. BBCn mirkanneeffachuu kan danda’e garuu faallaa kanaati.
Meettaan ammo ‘‘nuti gaaffiin seera qabeessa ta’e yoo dhaabbata seera qabu irraa nuuf dhiyaate hin balleessinu. Kanas itti fufsiisuuf ni hojjanna,’’ jedha.
YouTube gamasaatiin hanga faayidaa ummataatiif oolaniitti akka hin haqamne ibsuun garuu galmeessee akka hin tursiifne hime.
‘‘Gaazexeessitoonni, dhaabbileen mirgaaf falman, kabachiiftoonni seeraa sanadiiwwan kanneen karaa itti olkaawwatan barbaachuu qabu.
‘Koluugaltummaa gaafachuuf viidiyicha wayita barbaaduun dhabe’
Lammiin Sooriyaa Imaad jedhamu tokko kun akka mudatee BBCtti hime. Aleeppoo keessatti faarmaasii qaba ture. Bara 2013tti mootummaan boombiin haleellaa wayita raawwatu faarmaasii keessa ture. Kutaan keessa ture dhukkeen guutame.
Iyya namootaa dhagahee wayita gadi bahu, qaama namootaa ciciteefi dhiiga namaa arge. Kana hunda waraabee ture.
Isaan boodas taateen sun TV, YouTube fi Facebook irratti bahee ture. Waggaan booda Imaad biyya Awurooppaatti koluugaltummaa wayita gaafateetti raga akka agrsiisu gaafatame.
Viidiyoowwan akka haqaman gonkumaa hin eegne ture. Barbaadnaan omaa argachu hin dandeenye.
Rakkoolee akkasii kana furuuf ammoo dhaabbileen akka Neemooniik fa’i umamaniiru.
Dhaabbanni Neemooniik Jarman Barliin keessatti argama. Hojiinsaa mummeenis viidiyoowwan sarbama mirgootaa agarsiisan osoo hin haqamiin dura dafee olkaa’uudha.
Hanga har’aattis viidiyoowwan kuma 700 ta’an olkaa’eera. Viidiyoo lammiin Sooriyaa Imaad wayita boombiin faarmaasii isaa biratti roobu waraabes olkaa’ee ture.
Tokkoon tokkoo viidiyoo yoom akka waraabbame, eddoofi odeeffannoo isaa kan qabatedha.
Rakkoon dhaabbata kanaa ammoo viidiyoowwan kanneen hunda sonaan olkaa’uun qorachuurratti.
Raahiwaan kan jiraattuu Ameerikaadha. Maatiin ishee ammoo Tigraay jiraatu. Tigraay keessatti sarbama mirga namoomaa cimaatu raawwatamaa ture.
Tibba waraanaatti aanga’oonni ragaan akka hin baaneef cimsanii to’ataa turan.
Haata’u malee, karaa midiyaa hawaasaatiin miliqanii bahaa turan. Kanaanis odeeffannoowwan suuraafi viidiyoo addunyaatti bahaa turan.
Suuraaleefi viidiyoowwan kanneen qorachuun rakkisaa kan ta’uuf tarii haalli maatiin keessatti argamu jiraachusaati.
‘‘Kun hojii keenya, sa’aatii dheeraaf qorannoo taasisaan tura. Meeshaaleen qabu hundatti fayyadameen qabiyyeessaa mirkanneessuuf wayitan yaalaa jiruutti odeeffannoowwann miidiyaa hawaasaa irraa hir’ataa adeemaniin hubadhe. Kana wayita gootuutti maatiin kee nagaa ta’usaaniitu hin beektu,’’ jetti Raahiwaan.
Qaamooleen mirgaaf falman bakki idlee odeeffannoo keessatti kufamu tokko jiraachuu qaba jechuun watiwaatu.
Sanadiwwan walitti qabanis eegamuu qabu. Ittigaafatamummaa mirkanneessuun kan danda’amus karaa kanaan jedhu.