Naannawa Dirree Dhawaatti waraabeessa baayyeetu jira. Barootaafis jireenya ‘nagaa’ jiraataa turan. Namoota hin miidhan, namoonnis isaan hin miidhan ture.
Naannaawa magaalattii qofas osoo hin taane magaalattii keessallee waraabessi ni jiraatu. Dirree Dhawaa walakkaa uwwiisa kan jedhamu dallaa daandii baabuuraa keessaa fi bosona dhiheenya Kaamppii Torbaffaa dallichaatti akkasumas naannoo yunivarsitii bineensi baayyinaan jira.
Dallaa daandii baabuuraa keessatti furgoowwan, sibiilootaa dagataman yaa’aa bishaanii keessalleen waraabeessattu jiraatee itti wal hora.
Ijaarsa warshaatiif jedhamee bosonni dhiheenya magaalichaa wayita cirameetti waraabeessi baqatee gara dallaa baabuuraatti akka gale amanama.
Dallaa kana keessa namoonni ni jiraatu. Furgoowwan baaburaa dur Jabuutii Finfinneetti deedeebii’aa turan keessa har’a namootatu jiraata.
Dallicha keessattis carraan walitti dhufeenya namaafi waraabessaa akkuma dalichaa bal’aadha. Darbee darbee waraabessi miidhaa yeroo namarraa qaqabsiisu jira.
Dargaggoon waggaa 33 Yoonaas Balihu Dirree Dhawaa jiraataa ganda Diippooti. Hojiinsaas hojii sibiilaafi ijaarsa.
Dirree Dhawaatti baayyee kan beekamu ammoo waraabessa kiyyeessuun. ‘Waraabessa kiyyeessuu?’ Bitaa namatti gala! Yonaas waraabessa 34 wallaansoo qabee injifateera.
Mucaa waggaa sadi waraabeessaan ‘nyaatame’
Dirree Dhawaatti oduun waraabessi namarraa miidhaa qaqabsiiseera jedhu baayyee hin baramne. Yeroo dhihoon as garuu kun geedarameera. Miidhaan waraabessi namotarraan gahuu dabalaa dhufus garuu xiyyeeffanaan hin kennamneef jedha Yoonaas.
Taateen guyyaa tokko mudate garu Dirree Dhawaa naasise. Jiraattonnis ni gaddan.
Waggaa lamaan dura abbaafi mucaansaa kan waggaa sadii naannoo dallaa daandii baaburaa tabataa turan. Tilmaamaan guyyaa keessaa sa’aatii 10 wayita ta’u ‘abbaan fincaaniif’ achi siqa. Mucaanis miila abbaa hordofee gadi baha.
Mucaan kunis gara ijoollee walitti qabamte tabataa turaniitti deemaa ture, jechuun yaadata Yoonaas.
‘‘Waraabessi dhufee ijoolleetti yoo siiqu hundisaanii jalaa bahuuf yoo fiigan mucaan sun garuu jalaa bahu hin dandeenye. Gadi taa’e. Waraabeessis guyyaan morma mucaa qabate… abbaan yoo gadi bahu waraabessi mucaasaa fudhee yoo deemu arge.’’
Mucicha oolchuuf yaalamullee ‘qaamasaa muraasa argachuun alatti omaa gochuun hin danda’amne. Galgala keessa Yoonaasifi hiriyyoonnisaa boha gahu gara mana sanaa dhaqan.
Namoonni bo’ichaaf walitti qabamanii bakka jiraniitti alkanuma sana sagaleen waraabessaa dhagahamaa akka ture yaadata. Saasuufi gadduurra labbuu waraabessaan badu oolchuuf murteesse.
Karooras baase. Ogummaa hojii sibila tumuu hojjatuutti fayyadamuun karaa ittiin waraabessoota itti kiyyeessi yaade.
Kiyyoo waraabeessaa
Yoonaas waraabeessoota qabuuf kiyyoo dagaleefi ol dheerinni meetira tokko meetira tokkoon ta’e mukaafi shiboorraa qopheesse. Kiyyoon sun tajaajilasaa yoo xumure funyoon shiboo ‘baajaajii’ qophaa’eefiira. Hojiin hafa ammo eeboodhaan raawwatama. Achinis kiyyoo hojjachuun foon keessa kaa’ee barii sa’aatii 11tti kaa’e.
Kiyyichi waraabeessa tokko qabulleen gari ni miliqe. Yaaliin jalqabaa hin milkofne.Yeroo muraasaan booda yaalii lammaffaatiin keessattu waraabeessa naannichaatti rakkoo ta’e keessa tokko qabu danda’e.
Kana gochuuf muxannoo kan hin qabne Yoonaas waraabeessa waliin sa’aatii 11-1tti ‘wali lolaa’ ture.
Yoonaas gochaasaa kanaaf galatalleen hin arganne. Faallaa ture male. Jiraattoonnis “nu ficisiisfte‘‘ jechuun qeeqan.
“ Hawaasni keenya waraabeessi haaloo nama baha jedhanii sodaatu. Ana yoo miidhu baate daa’imakoo ykn firakoo dhihoo miidhu mala yaada jedhutu jira. Kanaafu Waraabeessi waan fedhe raawwatus akka balaa hin qaqabsiifne gochuuf hin yaalamu‘‘ jedha Yoonaas.
Tarkaanfii cimaan miidhaa waraabeessaa hir’isuuf hawaasichi taasisuu, bosona keessa jiran ciruudha. Yoonaas garuu, jecha waraabeessa yoo itti siqan nama jaanjeessa jedhu dabalate, jechoota afaanii hin fudhatu. “Waraabeesse akkuma warra kaanii bineensa‘‘ jedha.
“Mucaan lubbunsaa kan darbe guyyaasaa waan ta’eefiidha. Waaqni hin jenne jechuun gochaa waraabeessi raawwatu hanga fudhachu gahanii turan‘‘ jedhan.
“Sababii kanaanis gochaan kee nuufi maatii keenyarratti rakkoo uuma jechu na balaaleeffatan‘‘ jedhan.
Baayyinni waraabeessa “balleessuu‘‘ baayyanaan ammoo namoonni balaaleeffachu dhiisuun isa waliin dhaabbachu eegalan.
“Waraabessiin ajjeesse jaha yoo gahu ana waliin awwaaluu eegalan. Torba jedhee dabalaa yoo deemu wanti addaa omtu akka hin jirre baran.‘‘
Osoo kun kanaan jiru taateen Dirre Dhawaa naasise kann biraa dhagahame.
Erga mucaan wagga sadii waraabeessaan lubbuunsaa darbe guyyoota 37 booda alkan naannoo sa’aatii 12tti ganda Quxabaa jedhamuutti mucaa dubaraa haadha ishee irraa fageenya meetira tokkoo hin qabne akkuma haatii gara gola mi’aatti garagalteen mucattii fudhate deeme.
Kana hordofes jiraattoonni naannichaa walitti qabamuun yaalii taasisan illeen lubbuu daa’ima sanaa oolchu hin dandenye.
Naannicha kan jiru waraabeessa tokkodha. Waraabeessi kun daa’imman irraan miidhaa qaqabsiisuun isaa maatiidhaaf irriba hin kenniineef.
Yeroo kanadha waraabeessa waliin wallaansoo qabuuf nama maqaansaa beekame Yoonaasif kann bilbilaniif.
Yoonaas waa’ee sochii waraabeessa kanaa konkolaachiftoota baajaajiifi waardiyyoota galgaleeffatanii hojjatan irraa odeeffannoo gaafate.
Odeeffannoon argate gahaa ta’e waan hin arganneef walitti aansee guyyoota sadiif waardoyyoota waliin buluun naannoo sadiitti bahaafi gala waraabeesichaa qorate.
Waraabeessi kunis kan gara biraa hin deemne, fakkaattootasaa waliin kann hin makamnee, guudaa fi gurraacha ta’u adda baase.
Dabalataanis hordoffiisaa kanaan dhimma tokko mirkanneeffate- sochiin waraabesichaa hundi gara mucattiin itti nyaatamte ta’u bare.
Kiyyoosaas kan durii caalaa cimse. Karaa bahiinsaa isaa sirrii ta‘ee kaa’e. Waraabesichis yeroosaa barameetti bahuun kiyyoo Yonaas keessa bu’e. Akkuma yeroo biraa eboosaatti fayyadamun tarkaanfii irratti fudhate.
“Yeroo tokko tokko waraabeessa ajjeessuunkoo dhugaa waan isaaniitti hin fakkaaneefuu, du’aasaan jiraattoota naannichaafi daa’immaniitti agarsiise,‘‘ kann jedhu Yoonaas, waraabeesicha waan beekaniif erga reeffasaa arganii booda mirkanneeffatan jedha.
Isaan boodas naannichaatti miidhaan waraabeessaa akka dhaabbateefi jiraattoonni naannochaas boqonnaa akka argatan ibsa.
“Waraabeessoota turan hordofuun ajjeesseera. Isaan booda sagalee dhaggeeffachuuf yaaleera garuu namni miidhame omtu hin jiru. Anis baayyeeb gammade.‘‘
Haala akkasiitiin waggaa lama keessatti hanga ammaatti waraabeessa 34 Dirre Dhawwa eddoowwan garaagaraa keessatti wallaansoo qabee akka dhabamsiise ibsa.
Yoonaas hojii kanaan taateewwan jireenyaasaa balaarra buusan mudatanii akka turan hima.
Yeroo tokko miila waraabeessaa jalatti kufee, yeroo biraa ammoo osoo waraabeessa tokkowaliin wallaansoo qabuu kann biraa itti dhufee garuu hanga xinnootti lubbuun bahuu hima.
Kanfaltii jirraattoota miidhaa waraabeessaarraa eeguu
Yoonaas gochaa lubbusaa balaarra buusaa raawwatuuf jiraattoonni galataan ala kanfaltiin raawwataniif hin jiru.
Kanneen hojiisaa beekan garaa irraa eebbisuun, daa’imman akka gootaatti lakkaa’u. “Daa’imman yoo na argan tabasaanii dhiisanii sirbu. Gammachuunsaanii waan nama hawwatu qaba,‘‘ jedha.
“Haadhooliin yeroo hunda na eebbisu. Daa’immanis yoo na argan ni gammadu. Keessattuu yoon ajjeessee dhufu isaaniif anaan oli namni biraa hin jiruuf. Gammachuunsaanii ammoo gammachu naaf kenna, ” jedha.
Abbaa ijoollee lamaa kann ta’e Yoonaas hojii hojjatuun gammadaa ta’ulleen, yeroo tokko tokkoo “nama waanan ta’eef yoo soodaan dhufu, waan hundumaa kann naaf balleessu yoon suuraa mucaa naannoo Quxabaatti waraabeessaan nyaatamte ilaaluudha. Waan kamu raawwachuuf boodatti hin jedhu,‘‘ jedha.
Yoonaan waan raawwatu kana viidiyoon agarsiisee yeroo tokko deeggarsi maalaqaa muraasni akka taasifameefii ture kaasa.
Deeggarsi kun itti osoo fufee kiyyoon amma qabu caalaa fooyya’aa fi kann eddoodhaa eddootti socha’u kann biraa qopheessuu barbaada.
Dirre Dhawaatti waraabeessi daa’immaniifi maanguddootaaf yaaddoo akka hin taane erga mirkanaa’een booda, naannawa Finfinneefi eddoowwan biraattis tarkaanfii walfakkaatu fudhachu barbaada.
“Oduun daa’ima ta’e namni jabaan waraabeessaan nyaatame jedhu baayyee nama jeeqa. Keessattu daa’imman humna ittiin waraabeessa ofirraa ittisan omaa hin qaban. Inni kun baayyee waan na jeequuf, bakkeewwan itti waraabeessi rakkoo uumuu osoon gahee nan gammada‘‘ jedha.