Walleewwan baaqqee kilippiidhaan dabaalee hojjechuun kan beekamu weellisaa Guutuu Abarraa, tibbanas wallee mata dureensaa ‘Anatu’ jedhu hojjeteera.
Namoonni akka jaallatan karaa miidiyaa hawaasummaa ibsaa jiru.
Weellisaa Guutuun BBC waliin turtii taasiseen, walleen haaraa kun falaasama jiruu fi jireenyaa akkasumas duudhaa uummata baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhu kan ibsuudha jedhe.
”Waan jireenya guyyuu keenya mul’isu keessaa jaalalli tokko. Sanarratti hundaa’een barreesse,” jedhe.
Wallee kana keessatti bu’aa ba’ii jaalalaa ibsuu kan hime weellisaa Guutuu, ”Jaalalli gaafii ni mi’oofti, gaafii ammoo ni hadhoofti. Gaafii si gammachiisti, gaafii si gaddisiisti. Yaadota kunneen qixeesseen walaloosaa barreesse,” jechuun ibse.
Weellisaan kun jechoota ogummaa barreeffamaa keessatti qalbii namaa hawwatan fayyadamuun akkaataan inni itti saaduu, of tuulummaa, kadhaa, obsaa fi mufannaa jaalala keessatti mul’atu ibse namoota damee og-barruu biratti jajameera.
Qulqullinnii fi ogummaa malaalchisaan viidiyoo wallee kanaas qalbii namootaa akka hawwate yaada namootni miidiyaa hawaasummaarratti barreessaniif irraa hubanneerra.
Weellisaa Guutuu Abarraa wallee isaa kanaan maaliif baadiyyaarraa ka’ee jireenya magaalaatti akka darbe wayita ibsu, ”Hammam yoo fagaannellee hundeen keenya achuma [baadiyyaa].
”Baayyeen keenya baadiyyaadhaa baane. Akkasuma ta’ee namni magaalaa waliin hariiroo hin qabnemmoo hin jiru,” jedha.
Hundeen duudhaa fi aadaa, bu’uurri bareedina ganamaa fi jaalala dhugaa baadiyyaa ta’uu dagachuu hin qabnu jedha weellisaa Guutuun.
”Namni hariiroo baadiyyaa fi magaalaa adda kutuu hin qabu kan jedhuufan jireenya baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhe.”
Godina Wallaggaa Lixaa magaalaa Mandiitti dhalatee umriinsaa wagga 15tti gara Noorway imaluu kan himu weellisaan kuni, ”anis bu’uurri kiyya baadiyyaa ta’ee biyya addunyaarra wayitan imalu duudhaa sana beeksisuu malee dagachuu hin qabu,” jedha.
Ummata bifaan, aadaan, biyyaan, sabaan garagaarummaa qabu gidduutti guddachuun damee muuziqaa keessatti bal’isee fi kallattii biraan akka yaadu akka isa tumse hima weellisaa Guutuun.
”Namoota muuziqaa kallattii garaagaraan ilaalan waliin walbaruun koo carraa naaf kenneera. Isaanirraa muuxannoo muuziqaa hedduu qooddadheera. Mana barumsaa galee irraa baradheera. Kun anaaf carraa guddaadha.”
Muuziqaa akka biyya keessatti baratamerraa adda godhee akka hojjetuuf kun bu’uura tokko ta’uu hime.
”Yoo xiqqaate waggoota kudhaniif waltajjiirratti namoota afaan garaagaraa haasa’an waliin sirbeera. Afaanota kaanitti afaan Oromoo makuun qindeessinee sirbaa turre. Waggoota dhihoo as garuu hojii dhuunfaa koorratti xiyyeeffadheera,” jedha Guutuun.
”Hojii kootti wayitan deebi’u qabiyyeen walaloowwan kootii seenaa keessa dhidhima. Hundee koon yaadadha. Achiin kan ammayyaatiin walitti fida. Otoo seenaan koo durii hin jiraannee har’a aniyyuu hin jiru.”
Hojii hojjetu keessatti ga’een haadha warraasaa, Miiraa, olaanaa ta’uu kan himu weellisaa Guutuun, fuuldurattis ogummaa qabduun artistoota Oromoo tumsuun akka hojjettu dubbate.
Artistiin kuni wallee sadarkaasaa eeggate hojjetee gabaatti baasuuf yeroo fi maallaqa guddaa akka itti baasu hime.
”Wallee tokko xumuruuf yoo xiqqaate ji’a ja’an fayyadama. Fakkeenyaaf wallee kanaaf [Anatu] ji’a ja’aa ol natti fudhate.”
”Guyyaa tokkottis hojjechuu nan danda’a. Garuu kan qulqullina qabu ta’uu dhiisuu mala. Wallee tokko yeroon hojjedhu baayyeen keessa deddeebi’ee shaakala, nan qayyabadha, nan jijjiira, nan fooyyessa. Kun yeroo gaafata.”
Walleewwan Afaan Oromoo kilippiin dabaaluun ammayyeessuu keessatti namoota maqaansaanii ka’an keessaa tokko weellisaa Qamar Yusuuf.
Weellisaa Guutuu Abarraa ijoollummaasaatti weellisaa Qamariin akkaan jaallataa akka turee fi walleewwansaas akkaan ajaayibsiifataa akka ture hime.
”Keessattuu kilippiwwan isaa namoota adii irratti affeeree wayitan argu akkamiin qindeessuu danda’e? jedheen of gaafataa ture,” jedha.
Hojiin akkasii Qamarirratti dhaabbachuu hin qabu kan jedhu weellisaan kun, ”an har’a sadarkaa Qamaritti safaramuun koo akkaan na boonsa. Garuu ana caalaa kan hojjetanis jiru. Anis kanaan hin dhaabbadhu. Waanan hojjedherra waan hafetu caala,” jedhe.
Weellisaa dargaggeessa kan ta’e Guutuu Abarraa walleewwan hanga yoonaa hojjeteen badhaasaa fi beekamtiiwwan gonfateera.
Isaan keessaa tokko badhaasa AFRiMA Amajjii darbe Senegaal magaalaa Daakaaritti gaggeeffamedha.
Weellisaa Guutuu Abarraa sirba isaa ‘Deemi’ jedhuun badhaasa AFRiMA [All African Music Awards] ramaddii “best african jazz group of the year” jedhuun mo’ate.
Badhaasi kun hojii caalu hojjechuuf akka isa onnachiise kan hime weellisaa Guutuu, ”keessattuu afaan keenya kan yeroo dheeraaf hacuucamaa ture akka Afrikaatti mo’uunsaa, afaan keenya kun kunuunfamee, irratti hojjetamee jennaan bakka guddaa ga’uu akka danda’u agarsiisa,” jedha.
”Kun ana qofaaf hamilee kan kenne osoo hin taane namoonni kaanillee irraa ilaalanii akka hojjetan kakaasa.”
Weellisaa Guutuu Abarraa artistoota biyya Noorway fi biyyoota Awurooppaa biroo waliin akkuma hojjetu weellistoota biyya keessa jiran waliinis qindoominaan hojjechuun muuziqaa Oromoo guddisuuf karoora akka qabu hime.