Kooriyaa Kaabaatti hanqina nyaataa mudateen wal qabatee, ollaan isaanii beelaan du’aa jiraachuu jiraattonni BBCtti himan.
BBCn biyya wal qunnamtii addunyaarraa karrashee cufte kana keessa haala icciitii ta’een baatiiwwaniif lammiilee biyyattii sadii achuma Kooriyaa Kaabaa keessa jiraatan waliin dubbachaa tureera.
Namoonni kunneenis yaroo jalqabaatiif erga mootummaan isaanii waggoota sadii oliif daangaa biyyatti karaa hundaa cufeen booda rakkoon biyyattii keessatti cimaa jiraachuu himan.
Jarreen kunneenis beelli cimuu, tarkaanfii cimaan namootarratti fudhatamaa jiraachuufi baqachuudhaafilleen carraan omaa akka hin jirre himan.
Namoonni BBCn addatti dubbise kunneenis namoonni sababii beelaatiin lubbuunsaanii darbe ollaa isaaniitii akka beekan himan.
Haalli amma biyyattii keessatti mul’atu kunis kan bara 1990 caalaa cimaa ta’uu kaasu.
Mootummaa Kooriyaa Kaabaa Covid-19n wal qabatee bara 2020tti daangaalee biyyatti hunda cufe.
Kanaafuu dhiyeessitiin bu’uuraa alaa galaa hin jiru.
Kana malees to’annoon jiraattoota irratti taasifamu cimaa jiraachu dubbatu.
Dhimmicharratti kan gaafatamee mootummaan biyyatti garuu yeroo hundaa lammiileef dursa akka kennu BBCtti hime.
Kooriyaa Kaabaa ilaalchisee waan ta’aa jiru dhagahuun hin baramne. Keessattuu erga daangaan biyyattii cufameen booda, lammiileem beelaan duuna ykn seera cabsiitanii jirtu jedhamuun dararamna jechuun yaaddee akka qaban dubbatu namoonni BBC icciitiin dubbise kunneen.
‘‘Biyyattii keessatti rakkoo cimaatuu mudataa jira’’ kan jedhu hojjataa dhaabbata Liibartii In Noorzi jedhamuu Sookal Paarkiidha.
Dhaabbatichi namoonni biyyaa akka bahaniif haala mijeessa. Dubartiin magaalaa guddoo biyyattii Piiyoongiyaangi jiraattu tokkoo akka jetteetti, miseensoonni maatii sadii beelaan du’aniiru.
‘‘Bishaan kennuuf jennee karra rukunne. Enyumtu nuuf hin banne’’ jechuun dubbatti. Aanga’oonni manicha wayita saaqanii seenaniitti reeffa argatan jetti.
Karaa daangaa biyyattii Chaayinaan wal daangeessuutti hojjataa ijaarsaa kan ta’eefi maqaasaa kan hin dhahamne tokkos akka jedheetti, hanqinni nyaataa waan jiruuf ganda keessa jiraatuutti namoonni shana du’aniiru.
‘‘Covid-19’n akka hin duneef sodaadheen ture. Amma kanan sodaadhu akkan beelaan hin duneedha,‘‘ jedha.
Biyyattiin nyaataa ummatashee miiliyoona 26 gahu oomishu hin dandeenye. Daangaan cufamnaan Chaayinaa irraa miidhaan, xaa’oo fi maashina qonnaa galchuun dhaabbate. Namni daangaa qaxxaamuruuf yaalu ammoo itti dhokaafama.
Kanaafu namoonni nyaataa qopheeffachu hin dandeenye. Irra jiraan lammiilee biyyattii midhaan karaa al-idileetiin seenu bitatu. Nyaanni biyya seenuun dhaabbachunsaa hanqinicha cimseera.
Daldalaan BBCn dubbise tokko akka jedheetti, midhaan gabaarratti argamu keessaa nuusni kann galu Chaayinaa irraa ture. Amma garuu “omtu hin jiru’’ jedhan.
Akkuma daldalaa kamiittuu daldalli nyaataa hir’ateera. Namoonni beela’an mana nama kanaa deemuun gaafataa jiru.
Jiraattuun gara biraa BBCtti akka himteetti namoonni ofiin of ajjeessanis jiru. Namoonni jireenyi itti cimurraa kana ka’e du’uudhaaf gara gaaraa bahan jiraachus dhagahu himti.
Dubatiin BBC dubbuse tun mataanshee ijollee isheef nyaataa dhiyeessuu rakkataa akka jirtu himti. Guyyoota lamaaf walitti aansitee osoo hin nyaatiin turtee du’atti dhiyaattee akka turte yaadatti.
Bara 1990 keessatti Kooriyaa Kaabaatti beelli hamaan mudatee ture. Kanaanis namoonni gara miiliyoona sadii du’anii ture. Ammas kun mudachu danda’a jedhamee sodaatamaa jira.
Oggeessi diinagdee Piitar Waardi, ‘‘Namoonni sadarkaa jiruu jidduugalaa irratti argaman beelaaf saaxilamaniiru. Yaaddeessaadha,’’ jedhan.
Gara beela biyyaaleessaa fi
Kufaatii hawaasummaatti deemaa jiraachu baatulleen, haalli jiru yaaddeessaa ta’u ni agarsiisa. Daareektarri Dhaabbata NKDB kansarbama mirga namoommaa galmeessuu, Haannaa Soongi akka jettuutti, waggoota 10 fi 15n darbaniif beelli hin mul’anne. Seenaan duraa biyyattii garuu badaa ture jetti.
Duree biyyattii Kiim Joongi Un osoo hin hafne dhimmichi yaaddeessaa ta’usaa ibsanii jiru. ‘‘Rakkoon nyaataa mudatera’’ jedhanii amananiiru. Oomisha qonnaa guddiifuuf yaalaa jira.
Ta’us ammoo hogganaan biyyattii niikulaara gabbisuuf dursa yoo kennan mul’atu. Bara darbe qofaa baalaastiik miisaa’eelii 63 fugugsan.
Yaaliin kunis doolaara miiliyoona 500 ol baasa. Kunis guddina biyyatti kan wagga caala.
Waggoota darban sadiif to’annoon mootummaan jireenya ummataa irratti taasisuu cimuu jiraattoonni kunneen BBCtti himan.
Addabbii kaa’uufi seera cimsuun to’annoon cimeera. Weerara kooviidiin dura namoonni kuma tokko ta’an guyyaatti biyyattii keessaa bahaa turan. Lageen qaxxaamuruun Chaayinaa seenu ture. Amma garuu biyyattii miliquun hin danda’amu jedhan daldalaan dubbifne.
‘‘Amma namni gara lagaatti siqe mataansaa addabbii cimaan waan irra gahuuf, enyuumtuu ija jabaatee hin yaalu’’ jedhu.
Hijjataan ijaarsaa dubbifne akka jedhuutti, ilmi hiriyaa isaa yoo murteen du’aa namoota hedduu irratti raawwatamu dhokatee argeera. Namoonni baqachuuf yaalanii turan sadii hanga afurii ajjeefamaniiru.
‘‘Guyyaa guyyaan cimaa dhufeera. Dogongora tokko yoo hojannee ni ajjeeffamna,’’ jedha. Daangaan erga cufame wagga sadii ol ta’era. Seenuufi bahuun hin danda’amu. Lammiileen biyya biraa gadhiisanii bahaniiru.
Biyyattii icciitiifi dhoksaan kan itti cimeedha. Namoonni BBC waliin icciitiin dubbatan kunneenis lubbusaanii balaaf saaxiluun ture kan waan beekan qoodan.
Dhimma kanarratti deebii akka kennuuf mootummaan gaafatamee, ‘‘yeroo cimaa keessattuu mootummaa nageenya lammiilee isaatiif dursa kenna,’’ jechuun deebii kenne.
Bakka bu’aan Kooriyaa Kaabaa Landaniitti argamu, yeroo rakkoottilleen biyyattiin lammiileef dursa akka kennitu dubbatan.
Odeeffannoon BBCn jiraattoota irraa argate ‘‘soba’’ ta’uufi ‘‘kan diinoota Kooriyaa Kaabaatiin umameedha’’ jechuun ibsan. Qaamooleen mirga namoomaatiif falaman garuu rakkoon jedhame jiraachu ibsu.
‘‘Hanqinni nyaataa yaaddeessaa ta’eera. Mirgi namootaas sarbamaa jira. Biyyaa bahunis hin danda’amu,’’ jedhu.
Jiraattuun magaala guddoo biyyatti BBCn dubbisee to’annoon tikaafi addabbiin cimu dubbatti.Namoonni wal waliisaanii amanuun mataansaa cimeera jetti.
Haala seera haaraa filmiifi muuziqaa biyya alaa dhaggeeffachuufi ilaaluu dhorkuutti, poolisiin jecha ishee irra fudhuuf fudhatee akka ture kaafti.
Haala seera kanaatti namni bashannana qabiyyee Kooriyaa Kibbaa qaban tamsaase ni adabama.
Dippilomaatiin duraanii Kooriyaa Kaabaa gara Kooriyaa Kibbaatti baqatan, Ryuu Hyun Wuu, sirnichi attamiin badaa akka dhufe yoo ilaalan ni yaadda’u.
“Kiim Joongi Un haala namoonni keessa jiruufi sooreessoonni biyyattii attamiin akka jiraatan yoo beekan akka jibbiifi akka irratti ka’an ni beeka. Kanaaf ni sodaata,’’ jedha.
“Covid duran namoonni hogganaa saanii haala gaariin ilaalu turan. Amma garuu jibbi dabaleera’’ jedhu.