Barataan injiinariingii, Sudaan -Daarfuur kan waraanni cimaan keessatti gaggeeffamaa tureett ihospitaalaaf ibsaa hojjataa jiruu ibsaan qabamee lubbusaa dhabe.
Dargaggoo wagga 27 kan ta’a Muhaammadiin Faaduul Idiriis Waadii, kan lubbuusaa dhabe Kamisa darbe osoo Hospitaalaa Saayiid Al-Shahadaa jedhamuufi magaalichatti argamuuf ibsaa osoo hojjataa jiru ture.
Sababii waraanaafi saamicha cimaa dhufeetiin wal qabate, hospitaala tajaajila kennuuf rakkataa jiruuf ibsaa suphuuf namoota fedhiisaanitiin kaka’uun hojjataa turan keessaa tokko ture.
Barataa hiriyoonni isaa maqaa masoo ‘Alaa Daandan’ jedhuun waaman kanas hiriyaan isaa tokko yoo ibsu, ‘‘kan beekamu seequu saatiin. Tibba waraanaatti osoo hin hafne fuullisaa ifaadha,’’ jedhe.
Barataan isa waliin Yunivarsitii Faashaariitti waliin barataa ture, Ahimad Isaaqi gama saatiin, ‘‘lubbusaatiin uummata Faashaariif aarsaa kanfaleera’’ jedhe. Nuffii tikko malee hawaasaaf tajaajila kennuun akka yaadatamu dubbateera.
Barreeffamni suuraa waliin toora Facebook isaa irratti barraa’ees, ‘‘Carraan hanga dhuftutti hin eegiin, ofiin uumii malee,’’ jedha.
Sudaaniitti waraanni erga eegalee kaasee dargaggoonni tola ooltoota ta’an karaa ‘Youth of the al-Thawra Initiative’ jedhamutiin Faashaariitti kanneen wallaansa kennaniif deeggarsa taasisaa turan.
Hospitaala Saawuzi jedhamuun alatti, hospitaaloonni Daarfuuriitti argaman sababii waraanaatiin hojii adda kutaniiru.
Naannicha bakka waraanni itti gaggeeffamaa jiru waan ta’eef hakiimoonni gara hospitaalaa deemuu hin dandeenye.
‘‘Torban jalqabaa guutuu namoota miidhaan irra gahee simachuun Hospitaala Saawuziitti deeggarsa kennuuf yaalaa akka ture argeera. Baayyee hojjataa cimaa ta’usaatiin alatti haasaa isaa qajeelaadhaan akka miirrii keenya cimuuf nu deeggaraa ture,’’ jedhan Ahimad wayita hiriyyaa isaa ibsu.
Dargaggoonni tol-oltootaa kunneenis hopitaala hojjattoonni seenuu hin dandeenye suphuuf yaalan. Hospitaalichi saamameera.
Miidhamtoonni kaampiiwwan loltootaa Abbu Shaanbaatii fi Zaam Zaam irraa gara hospitaalichaa geeffaman gargaaruun akka danda’amuuf jecha karoorri saanii deebiisanii hospitaalicha saaquuf ture.
Naannichaatti hawaasa wagga 20 dura Daarfuriitti miidhaan saba bu’urreeffate irratti raawwatametu jiraata.
Barataan injinariingii Muhaammadiin fi hiriyoonni isaa hospitaalicha suphuu, nyaata bituufi meshaalee wallaansaa guutuuf maallaqa walitti qabaa turan.
‘‘Faarmaasiiwwan waliin dubbatee qorichoota argachurratti cimaa ture,’’ jedha hiriyaansaa. Yaadni isaa hospitaalichi akka deebiisee tajaajila eegalu gochuu ture.
Oggeessoonni fayyaa tol-oltootaa 25 fi namoonni hawaasa keessaa babahan 80 waliin ta’un torban darbe keessa hospitaalicha deebiisanii banu danda’aniru.
Ta’us ammo, naannoo hedduun dhiyeessitii ibsaa hin qabu.
Barataan injinariingii kunis Kamisa darbe ibsaa hospitaalichaa adda cite osoo deebiisee suphuuf yaaluu ture kan balaan mudachuun lubbusaa dhabe.
Jalqabarratti of wallaaluun gara hospitaala Saawuzi geeffamu hiriyaansaa ni dubbata. Hojjattoonni hospitaalichaa oolchuu waan hin dandeenyeef sa’aatii 48 booda gaafa Qidaamee lubbuunsaa darbeera jedha.
‘‘Erga waraanni xumurameen booda jidduugala magaalichaatti akka wal agarru waadaa gallee turre. Abdiin keenya dhukaasa sagalee muuziqaatiin bakka buusuuf ture. Garuu Alaan Daandan nu gatee deemee. Isaaf jecha yaalii jireenya ummataa fooyyeessuuf taasifnu itti fufna,’’ jedha hiriyaansaa.
Waraanni gaggeeffamaa jiru Sudaaniin baayyee miidheera. Lammiileen nagaa dhibbaan lakkaa’aman yoo ajjeeffaman, kanneen kumaatamaan lakkaa’aman ammo manaafi qabeenyaa saanii irra buqqaafamaniiru.
Raayyaan ittisa biyyaafi humni addaa biyyattii magaala guddoo Kaartuum dabalatee eddoowwan murteessoo ta’an to’achuuf wal waraanuu itti fufaniiru.
Qaamoolee lamaan gara mariitti nagaatti geessuudhaaf yaaliiwwan qaamoolee idil-addunyaatiin taasifaman itti fufeera.
Magaalaa Kaartuum kan tajaajilawwan bu’uuraa argachuu rakkisaa itti ta’e keessaa namoonni miiliyona torbatti siqan manasaanii keessaa gadi bahu hin dandeenye.
Gareewwan wal waraanaa jiran lamaan yeroo gabaabaaf dhukaasa dhaabuun Saawudi Arabiyaa- Jaddaatti mariif taa’unsaanii dhagahameera.