“Obboleettiinkoo waggoota 20 ol Yaman jiraachaa turtee qabeenya guddaa erga horattee sababa waraana biyyattiitti ka’een baqattee maatii ishee waliin Sudaan galte.
Dhiyeenya ammoo Sudaanittis waraanni kaanaan osoo gara Itoophiyaatti baqatanii balaa konkolaataan lubbuunshee fi mucaa isaanii tokkoo darbuun, kaan miidhaa qaamaa guddaaf saaxilaman,’’jJette obboleettiin miidhamtuu Diinaa Siisay.
Maqaan ishee Wofaa Mohaammad jedhamti. Harargee Lixaa magaalaa Baddeessatti dhalattee guddatte.
Kutaa sagalaffaa yeroo barattu maatiin gara Yaman waan deemaniif gara Yaman deemuun jireenya ishee itti fufte. Yamanitti lammii Iraaq tokkotti heerumuun ijoollee sadii horatanii jireenya ho’aa jiraachaa turan.
Obboleettiin Wofaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii jiraattu Diinaa Siisay waan obboleettii ishee mudate BBC’f qooddeetti.
Abbaan warraa Wofaa lammii Iraaq yoo tahan, ogummaan isaanii Injinera waan tahaniif Yaman keessaa kaampaanii guddaa akka qaban himti.
Yaman waraanaan erga diigamuu jalqabdee bubbulteetti. Namoota hedduun akka keessaa godaanan lubbuu isaaniifi ijoollee isaaniif sodatanii gara Sudaan kan imalan waggaa shan reefuu guuta.
Achitti tokko jechuun jireenya jalqaban. Abbaan warraa ogummaa waan qabaniif hojii adda addaa hojjechuun maatii jiraachisaa akka turan himti Diinaan.
Sudaanis waggoota sadan darban nagaa dhabuun raafama siyaasaa guddaa keessa jirti. Dhiyeenya ammoo gaggeesitootni biyyattii lamaan wal dhabuun waraana guddaa keessa galte.
Jiraattotni magaalaa Kaartumiifi naannoo ishee garuma wayya jedhanii fi firoota qaban biyyoota hollaattis yoo baqatan Wofaan gara biyya dhaloota ishee Itoophiyaatti maatii ishee waliin qajeelte.
Imala sa’a dheeraa booda gaafa Eebla 27 bara 2023 naannoo daangaa Itoophiyaa Matammaa dhaqabuun afuura fudhatan.
Namoonni baay’een hula kanaan Itoophiyaa galuun waan daheeffachaa turaniif Wofaa fi abbaan warraa ishees ijoollee isaanii fi of oolchuuf bakka kana yoo dhaqaban abdiin isaanitii horamuu hin hafne.
Haatahu malee, dubbiin akka isaan eegan hin taane. Wofaa fi maatiin ishee gara daangaa Itoophiyaatti kan imalan konkolaataa dhuunfaa isaaniin ture. Yeroo daangaa irra gahan namoonni eegumsa daangaa irra jiraniifi warri gumurukaa Itoophiyaa konkolaataa keessan qabattanii galuu hin dandeessan jechuun isaan dhaabsisuu himti Diinaan.
‘’Konkolaataa keessan asumatti dhiistanii seentu. Yookiin gatii konkolaataa keessanii herregaatii doolaaraan kaffalaa. Sana booda yeroo biyya kanaa baatan isa doolaaraan kaffaltan nuyi ammoo Birriidhaan herregnee isinii deebisna. Konkolaataa keessan kanaan as hin galtan jedhanii isaan deebisan.’‘
Wofaa fi abbaan warraa ishee Birrii fudhannee Sudaanitti yoo deebine homaa nu hin fayyadu. Maal goona jedhanii erga mari’atanii waa murteessuuf duubatti deebi’anii deeman jette.
Daangaa Itoophiyaa irraa gara sa’a shanii erga oofanii magaalaa tokko hoteela qabatanii guyyaa lama erga bulanii gara buufata doonii Sudaanitti deemuuf murteessuu himti.
Abbaan warraa ishee walitti aansuun konkolaataa oofaa turaniiru. Ijoolleen daandiin itti dheeratee dadhabbii guddaa keessa turan.
‘‘Ijoolleen isaan harkatti dhukkubsataa turan. Yaala argachuus hin dandeenye. Osooma Sudaan teenyee mana keessatti waan barbaade taaneerra tahe jettee natti himaa turte.’’
Kana gidduutti osoo buufata doonii Sudaan hin gahiin konkolaataa biraa waliin walitti bu’uun maatii kanarra balaan gahe. Wofaa [haati ijoollee] balaa cimaan of wallaaltee guyyaa sadii [coma] keessa turtee lubbuun darbe. Mucaan isaanii sadaffaa yeruma sana lubbuun ishee darbe. Kan lammaffaa ammoo miilli cabuun lubbuudhaan oole,’’ jette Diinaan.
Abbaan warraa miidhaa salphaatiin yoo lubbuun oolu, mucaan isaanii hangafaa fuula irra miidhamuun du’arraa oolteetti.
‘Bishaan Itoophiyaa dhugeen deebe na jettee ture’
Wofaan maatii ishee waliin akka daangaa Itoophiyaa irra gahaniin hanga dubbiin gumurukaa gar tokkotti deebutti daangaa darbuun takka boqattee ture.
“Itoophiyaa keessa galuun buna jabanaa dhugaan jira. Bishaan Itoophiyaa dhugee natti toleera. Namoota afaan Amaaraa haasa’an argadhe, jettee natti himaa turte,” jetti Diinaan.
Mucaan isaanii hangafaa umuriin ishee waggaa 13, kan lammataa waggaa sagal, kan sadaffaa waggaa shan tahanii ture.
“Osoo tole jedhanii eeyyamaniiruufii tahee silaa balaa kanaan obboleettiikoo hin dhabu kan jettu Diinaan, gaddi kun maatii isaanii hunda akka miidhe dubbatti.
Amma abbaan warraa Wofaa ijoollee isaanii hafan lamaan waliin deeggarsa imbaasii Iraaqiin gara Iraaqitti galuus himte.
Kun bu’aa bahii jireenyaati. Jireenyi Harargee Baddeessaatti jalqabe Yamanitti fulla’e sababa waraanaan, Sudaanitti godaane achitti haala kanaan boqatte. Ijoolleen amma gara biyya haaraa Iraaq galaniiru.
Kun godaannis waraanni al-kallaattiin namoota nagaa siyaasa keessa hin jirre irratti fidee darbudha.
Erga waraanni Sudaan humna waraanaa Sudaani fi humnoota addaa Raappiid Saappoort Foors (RFS) gidduutti ka’ee namootni 20,000 tahan gara Itoophiyaatti baqataniiru.
Haaluma walfakkaatuun yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa wagga lamaaf ture sanas lammiileen Itoophiyaa 60,000 caalan gara Sudaanitti baqatanii ture.