Dubartiin kanaan dura “nama hedduu kan ajjeeste hamtuu” jedhamuun Awustraaliyaatti beekamtee kan turte bilisa baate.
Dubartiin kun ijoolleshee afur ajjeesteetti jedhamuun hidhamtee turtus erga ragaan haaraa akka isheen ijoollee ishee afran hin ajjeesne agarsiisu ba’ee hidhaa irraa dhiifamaan gadhiifamteetti.
Kaatliin Folbiig, ijoollee ishee afran Keelab, Paatriik, Saaraa fi Looraa yeroo adda addatti ajjeesteetti erga jedhamee booda waggootii 20’f mana hidhaa turte.
Ta’us ragaan dhiyeenya saayintistoota irraa dhiyaate, ijoolleen ishee uumamaan kan du’an ta’uu akka malu mul’iseera.
Amma umurii ganna 55 kan taate, Kaatlin yeroo hunda yakka kana akka hin raawwannee waakkachaa kan turte ta’us, bara 2003’tti ajeechaa ijoollee ishee afraniin himatamte hidhaan wagga 25 irratti murtaa’e.
Ijoolleen ishee hundi umurii guyyaa 19 fi baatii 19 jidduu utuu jiratani tasa bara 1989 fi 1999 gidduutti kan du’an yoo ta’u, abbootiin alaangaa ijoollee ishee kana ukkamsitee ajjeeste jechuun himatani.
Kana dura ol iyyaanaan adda addaa fi qorannoon dabalataa bara 2019’tti dhiyaate ragaa ga’aa ta’ee hin arganne jechuun dhaddacha jalqabaa fudhatee ture.
Ta’us qorannoon haaraa, abba murti soorama ba’e Tom Bathastiin dursame irratti, qorannoon qaccee sanyii ijoollee kanaa irratti gaggeeffame hubannoo isaan du’a isaanii arratti qaban akka jijjireeru abbootiin alangaa ibsaniiru.
Abbaan Alanagaa Niw Sawuuth Weels (NSW), Maaykel Deeliiy Wiixaata ibsa kennaniin, Kaatlin yakka itti himatamte hundaaf yakkamtuu ta’uu ishee irratti shakkiin ragaa irratti hundaa’e akka jiru Obbo Baathirasti “ilaalcha cimaa” qabu jedheera.
Sababa kanaanis bulchaan NSW dhiifamni guutuu akka kennamuuf mallattessuun, Kaatliin hatattamaan akka hidhaatii gadhiifamtuuf ajajaniiru.
“Kun isheef dhippuu wagga 20 ture. Hanga ammaatti yoo hidhaa hin baane, dhiyoo ni baatii… nagana hawwaafii,” kan jedhan Obbo Deelii, dabaluunis abbaa ijoollee kanaa Kireeg Foolbiigiif gadda itti dhaga’ame ibseera.
Dhiifamni guutii kun murtee yakkamtuummaa Keetlin kan dura darbe kan haqu miti jechuun Obbo Deelii dabaluun ibsaniiru. Kun yoo Obbo Baathirasti yoo dhimmicha achitti dabarsuu filataniif, murtee Mana Murtii iyyatta Yakkaa ta’a.
Murteen dhiifamaa kun kan dhufe erga wagga guutuu duulli akka Kaatlin gadhiifamtuuf gaggeefamaa ture boodadha. Duulli kunis kan eegale yemmuu qartuun qorattoota ittisa dhibee qaamaa (immunologists) akka ijoolleen Kaatliin dubaraa lamaan hubama qaccee sanyii du’a tasaa fiduu danda’u akka qaban erga adda baasaniidha.
Dabalataanis ragaan argame akka ijoolleen ishee dhiiraa lamaan ammo hubama qaccee sanyii biraa, kan gaggabsoo tasaa hantuuta keessatti fidu waliin hidhata qabu akka qaban argateera.