Ameerikaa keessatti hokkoorri qawween walqabte dabalaa fi ajjeechaan guyyaa guyyaan mata- duree ijoo ta’aa dhufuunsaa, sodaa cimaa narran gahaa jira Ameerikaannoon hedduun.
Kana malees sababii yaaddoo kanaatiin haalli jireenya lammiilee Ameerikaa miliyoonoota jijjiramaa jiraachu ibsa qorannoon dhimmichaarratti gaggeeffame tokko.
Gamoowwan daldalaa, dareewwan barnootaa, qophiiwwan bashannan dargaggootaa hundarratti ajjeechaan raawwatamu taatee barame ta’aa jira.
Kanaafuu, lammiilee biyyattii hedduun haleellaan bakka kamittu mudachu danda’a yaaddoon jedhu itti umamaa jira.
Lammileen Ameerikaa Guyyaa Hubannoo Hokkora Qawwee Biyyaaleessaa gaafa Jimaataa (Waaxabajjii 2, 2023) yaadatan.
Ofii haalli kun attamiin jireenya ummataa irratti dhibbaa qabaata?
Marii cimaa
Gaheessoonni parsantaa 60 ta’an waa’ee rakkoo halleellaan ijoollee isaanii ykn firootasaanii waliin haasa’u dubbatan, akka qorannoo dhaabbata mit-mootummaa Imaammata fayyaa irratti xiyyeeffate hojjatu tokko gaggeesseetti.
Mariin kunis erga Ameerikaatti halleellaan daree barnootaa keessatti raawwatmeen booda cime.
Darbee darbee ammoo, daa’imman waggaa shaniitii kaasee yoo namni qawwee qabate tokkoo karaa manasaanitiin darbuutti, yoom karrasaanii cufuu akka qabanii fi attamiin of oolchuuf baqachu akka qaban barsiifamu.
Dhiheenya kana ammoo, intalli Aab Morgaan Huuk kan waggaa sagalii, Eliseen mana barnootaatii akkuma deebiiteen, yoo namni qawwee hidhate tokko karratti dhokaase saffiisaan fiiguun baayyee akka hin fayyadne dubbachun maatiishe ajaa’isiifte.
Aab Huuk garuu intalsaatiin omtu mudachu akka hin dandeenye itti hime, ta’us garuu haleellaa dhiheenya nama barnoota sadarkaa tokkoo Naashvilee keessatti mudate sana yaadate.
‘‘Yeroo tokko tokkoo, yoo daa’imakee dura dhaabbachu barbaadduu, sobaa jirta jechuudha,’’ jedha jiraataa Niiw Yoork kan ta’e Aab Huuk.
Waa’ee hokkora qawwee kanaa ilaalchisee maatiin ijoolleesaanii waliin mari’achuufi akka tasagabbaa’an gochuu fayyidaa qaaba jetti Daareektarri Kunuunsa Fayyaa Waldaa Saayikoolojii Ameerikaa Vaa’ilee Raayiti.
Bakka jireenyaa geeddaruu
Hokkoorri meeshaa waraanaa kun Ameerikaa keessatti yeroo tokko tokko jireenyi namootaa akka buqqa’u taasisa. Namoonni %15 ta’an, sababii isaatiin bakka jireenyaa gara biraa deemuu himan.
Gaheessa umuriin waggaa 40 kan ta‘e Tiraavis Wilsaniifi haatii warraa isaa waliin bara darbe Old Luusvillaa irraa Kentakiitti bakka jireenyaa haaraa jijiirachu dubbata. Bakka duraaniitti halkan hunda qawween yoo dhokaafamu akka dhagahan hima.
Yeroo tokko rasaasni karaa foddaa isaa darbu yaadata. Yeroo biraa ammo namni ta’e manasaa duratti qawwee itti baafate ture. Erga mucaansaa bara 2021’tti dhalateen booda, inniifi haati warraasaa haalicha xinxalu eegalan.
‘‘Daa’imti attamiin naanawa yeroo hunda keessatti dhokaasa qawwee dhagahamuutti guddachuun tasa akka hin miidhamne yaaduun hin danda’amu,’’ jedhan.
Garuu baatii darbe keessa, wayita hojjataan baankii duraanii tokkoo hojjattoota shan ollaa haaraa isaa keessa jiraataniitti ajjeeseetti hokkorichi achis jiraachu hubatan.
Wilsan yeroo tokko tokko ijoollee Ameerikaa, bakka eenyumtu gutummaatti nageenyaan hin jiraane keessatti guddisuun itti gaafatamuummaa dagachu akka ta’etti yaada.
‘‘Osoo mucaankoo haleellaan miidhamte yoomiyyuu ofiikoof dhiifama hin godhu,’’ jedha attamiin waa’ee nageenya mucaasaa yaaddaa’aa akka jiru yoo dubbatu.
Korojoo rasaasa dandamatu
Waggaa shan dura guyyaa jaalalleewwanii (Valentine’s Day) irratti, Loorii Alhaadeef akkuma ganama guyyaa kaamiitti, ijoollee ishee sadii mana barnootaatti geessitee deebiite. Garuu galgala kan manatti deebii’an lama qofaadha.
Dargaggoon qawwee hidhate tokko mana barnootaa olaanaa Paarkilaand, kan Filooriidaa keessatti dhukaasa banuun namoota 17 ajjeesse. Isaan keessaa tokko intala Aaddee Alhaadeef kan wagga 14, Alyisaa turte.
Haleellaa sanaan boodas, ijoolleen ishee dhiiraa lamaaniif korojoo rasaasaa dandamatu bitteef. Kunis daa’imashee biraa balaa kanaan akka hin dhabneef kan danda’ameef hunda gochuufiidha.
‘‘Haleellaan biraa yoom akka mudatu hin beeknu. Addunyaan keessa jiraanutu kanadha,’’ jetti.
Rakkoon haleellaa US dabalaa akkuma adeemuun, fedhiin koroojii barattootaa rasaasaa dandamatu, keessattuu erga haleellaan jumlaa raawwatameen booda, dabalaa jira jedha, abbaan qabeenyaa oomisha meeshaalee ittisaa, Guard Dog Security, Yaasir Sheeki.
‘‘Maatiin nageenya ofiisaanii fi kan daa’imman isaanii eeguuf waan danda’an gochuun barbaachiisaadha.’’
Leenjii dhukaasa qawwee hojjattoota manneen barnootaaf
Haleellaan garmalee dabalaa waan jiruuf, poolisii Ohaayoo kan taatee Kaatee, karoora nageenyaa bulchiinsa manneen barnootaa qopheessaa jirti.
Karoorri kunis seensawwan karaa alaatiin qolloofuu, hojjattootaaf leenjii wallaansaa kennuu fi lubbuu baraartoonni yeroo balaa tasaa dafanii salphaatti barattoonni bakka jiran adda akka baasaniif dareewwan adda baasuu fa’i hammata.
Garuu ammoo erga haleellaan mana barnootaa Paarklaand, Filooridaa 2018 as, ishee fi hojjattoonni kaanis caalaa hojjachu barbaadan.
Kanaafuu, guyyaa sadiif hojjattoonni mana barnootaa attamiin saffisaan lubbuun akka oolfamu irratti leenjii kennan.
Akkuma Kaatee, namoonni af-gaaffiin waliin taasifame %40n, yeroo haleellaan mana barnootaatti mudatee attamiin akka ofii fi kaan itti oolchan irratti leenjii’aniiru.
‘‘Tarkaanfii danda’u hunda fudhachuun barbaada’’ jetti.
Bakka ummanni itti baayyatu dhaqu dhiisuu
Rooz Leewiis guyyaa gaafa bara 2015 kannamni qawwee hidhate tokkoo bakka tiyaatira itti ilaalaa turean Laafaayeetti, dhukaasa banuun namoota lama ajjeessee sana ammalleen ni yaadatti.
Shamarreen waggaa 25 tun tiyaatira dowwachuu fi bakka dukkanaa’aa akkasumas eddoowwan marfamaa baqannaaf hin mijanne deemuu dhaabuu dubbatti.
‘‘Balaan haleelamu tarii gadaanaa ta’u mala, garuu waanan soda qabuuf jecha deemuu hin barbaadu,’’ jetti.
Maanguddoon waggaa 62 Kiraalaa Ismiiz eddoowwan muraasa dhaquu akka dhaabde dubbatti. Yoo namni baayyatuu haleellaan raawwatamu mala jettee waan yaaddooftuuf waa bitachuudhaaf ganamaa qofa suuqii deemti.
Lammiileen Ameerikaa harka sadi ta’anis tarkaanfii wal fakkaatu fudhachuun bakka namoonni itti baay’atan deemu akka dhaaban qorannoon adda baaseera.
Haleellaan jumlaa namootarratti raawwatamu malu baayyee gadaanaa ta’ulleen, yaaliiwwan kanneen namootaaf miira to’annoo akka kennuu dubbatu ekispartoonni.
‘‘Yeroo baayyee tarkaanfii fudhachu kan dabalu yoo yaaddoofne ykn doorsifamee ykn nageenyi keenya bora’eedha,’’ jedha ogeessi xin-sammuu dhiibbaa haleellaa qorate, Daani’eel Mosleey.
Garuu ammoo bakka akkasii dhaquu dhaabuun fala ittisaa garii ta’u mala jedha.
Sodaa keessa jiraachuu
Mucaan isaanii kan waggaa 28, Paam Booselii wayita halkan walakkaa hojii konkolaachisummaatiif manaa bahu, Addee Booseeliin hanga konkoolaataa keessa seenuutti karaa foddaatiin tarkanfii miilsaa hunda akka hordoftu dubbatti.
Kana malees waan hamaan akka isa hin mudanneef guyyaa hunda kadhannaa akka taasiftu himti.
Aaddee Booseliin erga mucaanshee angafaa, Teeriil umurii waggaa 18tti jalaa ajjeeffamee amma waggaa 17 guuttee jirti. Ilmishee kunis fuuldura waldaatti Chikaagoo keessatti itti dhokaafamun ajjeeffame ture.
Isheenis ammalleen waa’ee haleellaa qawwee yaaddoo cimaa akka qabdu dubbatti.
‘‘Yeroo tokko tokkoos sooda waanan qabuuf jecha osoon hin rafneen bula. Kunis mucaakootiif qofa osoo hin taane, abbaa manaakoofi maatii koo biraafan yaadda’a. Walumaagalattiis yaaddoo keessan jiraataa jira,’’ jetti.
Kanneen akka Aaddee Boosileey kallattiin muxxannoo miidhaa haleellaa qaban qofaa miti kan yaadda’aa jirtu.
Aadde Riiti kan Waldaa Saayikooloojii Ameerikaarra hojjatanis, dhimmoota gurguddoo Ameerkaa keessatti yaaddoo uuman irratti waggoota 20 darbaniif qorannoo gaggeessaniiru. Bara 2019 keessa haleellaan jumlaa yaaddoo tokkooffaa ture.
Aaddee Boosliin dhaabbata hubannoo hawaasaa cimsuu hundeessuun haleellaa jumlaa kana hir’isuuf duula gaggeessaa jirti.
‘‘Baayyee hubamulleen, ijoolleenkoo lamaan, ijoollee adaadaa kootii fi eessumman koo akka lubbuudhaan naaf jiraataniif cimseen hojjadha. Kaayyoon kiyyas kanadha. Guyyaa hundas kanan raawwataa jiru duula hubannoo cimsuu kanadha,’’ jette.