Ameerikaan waraanaa Sudaaniitti gaggeeffamaa jiru keessatti namootaafi dhaabbilee lolicha hammeessaniiru jetterra qoqqobbii kaa’uu baaksiifte.
Qoqqobbiiwwan Tireezharii dippartimantiin Ameerkaa kaa’e kun maddii galii qaamoolee Sudaaniitti wal waraanaa jiran lamaanii akka adda citu taasisa jedhameera.
Itti-gaafatamaan Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilikan ibsa kennaniin, Waraanni Sudaaniifi Humnootiin Saffiisa Sudaan (RSF) kanneen nageenya, tasgabbii biyyattii balaarra buusaniifi dhaabbilee to’annoosaanii jalatti argaman bulchiinsi Joo Baayidan itti gaafatamoo isaan taasisa jedhaniiru.
Haaluma kanaanis, bulchiinsi Baayidan ittigaafatamummaa mirkanneessuuf humnoota lamaaniifi dhaabbilee isaan hoganan irratti dhorkaawwan gosa sadii kaa’eera.
Kunis dhorkaa viizaa, qoqqobbaa diinagdeefi sochij daldala Ameerikaa Sudaan keessaa irra deebiin akka ilaalamu jedhameera.
Ameerikaan humnoota raayyaa Sudaaniifi RSF irratti dhorkaa kanneen kan kaa’eef waan waliigaltee Sa’ud Arabiyaa Jiddaatti taasifame cabsaniifiidha jettee jirti.
‘‘Hanna, manneen namoota nagaafi bu’uuraaleen misoomaa diigamuu, akkasumas haleellaa qilleensaa raawwachuufi meeshaa gurgudaa fayyadamuu, sochii hin hayyamamne raawwachuufi deeggarsi namoomaafi tajaajiloonni bu’uuraa akka hin eegalamneef danqaa umuudhaan’’ himannaan irratti dhiyaateera.
Ameerikaan aanga’oota humnoota raayyaa Sudaaniifi RSF, akkasumas kanneen tibba bulchiinsa pirezidantiin biyyattii duraanii Omar al-Baashiriitti aanga’oota turaniifi kanneen ammatti waliitti bu’iinsicha harbeessaa jiru jedhaman garuu kanneen maqaan hin eeramiin irratti dhorkaa viizaa keessee jirti.
Humna adda Sudaan (RSF) waliin hidhata kan qabuuf Daarfuuriitti omisha warqee irratti hirmaataa kan jiru dhaabbata Al- Junaayiid irras dhorkaan kaa’ameera.
Ameerikaan dhaabbata albuudaa warqee to’annoo humna addaa kan Janaraal Mohaammad Daagaaloo jalatti argamu bulchuu irraa galii argatuun loltoota humna addaatiif meeshaa waraanaa bita jetti.
Kana malees, Ameerikaan kubaaniyaa Master technology jedhamuufi mootummaa Sudaaniin durfamu irras dhorkaa keesse jirti. Dhaabbanni kunis kubaaniyoota waraana Sudaaniif meesahaa waraanaafi konolaataa dhiyeessu keessaa gahee olaanaa qaba jette.
Kubaaniyaan Difeniis Indastirii jedhamuun beekamus waraana biyyattiif meeshaa waraanaa bituun beekama jechuun dhorkaa irra keessee jirti.
Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Waajjiirri daladalaa fi dhaabbata deeggarsa mootummaa Ameerikaa kan ta’e USID sochii Sudaan keessatti taasisan
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Tireezharii Dippaartimant, Daldalaafi dhaabbanni gargaarsaa Ameerika-USAID sochii Sudaan keessatti taasisaniin sochii daldalaa Ameerikaafi Ameerikaanotaa kan hin miine ta’uu isaa hojmaata isaanii akka foyyeessan ibsameera.
Waraana sudaan hordofee namootaafi dhaabbileen walitti bu’insa keessatti hirmaatan irra qoqqobbii kaa’anillee, kan qoqqobbii Ameeirkaa jala wagga dheeraa jiraatte Sudaaniif qoqqobbiin Ameerikaa haaraan dhiibbaan qabaatu xiqqaa ta’uu akka danda’u beektonni ni tilmaamu.
Ammatti hedduuf yaaddoo kan ta’e walitti bu’insa Sudaan dhaabsisuuf qaamni deebii qabu dhibuufi miidhaan namoota nagaa irratti raawwatamaa jiru dabalaa deemuu isaati.