Gaaffiifi deebii ijoo dubbii ta’e Kiristaanoo Ronaaldoo gaazexeessaa Piirs Morgaan jedhamu waliin taasise, akkasumas suura Liyooneel Mesiin waancaa hammatee rafee kaasee hanga gocha karra-eegaan Arjentiinaa Waancaa Addunyaa Qaataar-Dohaatti agarsiiseetti, bara 2023 keessa taateewwan ispoortii keessatti mul’atan hedduun ajaa’ibsiisoo ta’an mudataniiru.
Taateen kun leenjistoota, taphattoota, seenaa jaalalleewwan taphatootaa, abbootii qabeenyaa kilabootaa, taatoowwan fiilmii Holiiwuud kan keessatti ka’an faatu jiru.
Bara 2023 keessa taateewwan ajaa’ibsiisoo kubbaa miilaa keessatti addunyaarratti mul’atan keessaa muraasa akka itti aanutti ilaalla.
Suura Mesiin waancaa hammatee rafe
Arjentiinaan Waancaa Addumyaa Qaataar rukuttaa peenaalitiidhaan Faransaayiin mo’achuun waggoota 36 booda shaampiyoonaa akka taatu gochuu keessatti gaheen Liyooneel Mesii guddaa ture.
Mesiin hirmaannaa taphoota Waancaa Addunyaarratti hirmaateen rikardiiwwan baayyee cabseera.
Haata’u malee, suura inni waancaa hammatee rafe rikardii Instagram kanaan dura qabamee jiru cabsuun isaa yeroo sanatti addunyaa ajaa’ibsiisee ture.
Suuraa Liyonel Mesiin injifannoo Waancaa Adunyaa itti agarsiise Inistaagiraamiirratti maxxansa jaalatamaa [like] isa guddaa argate tahuun ture rikardii kan cabse.
Suuraa Waancaa Adunyaa qabatee sireerra ciisuun akkuma maxxanseen sa’a tokko booda ture namoota miliyoona 65niin jaalatame. Sana boodas lakkoofsa guddaan itti fufee dabalaa ture.
Kana dura namoota miliyoonotaan ‘Like’ argachuun rikardii kan qabu suuraa hanqaaquu Inistaagiraamii irratti maxxansame ture.
Maxxansa suuraa Kaaylii Jener akka caaluuf namootni suuraa hanqaaquu kana akka jaalataniif waamichi godhamaa ture.
Hojii miidhaginaa [make-up] kan beekamtu Kaayilii Jener bara 2018 suuraa daa’ima ishee Istoormii maxxansuun namoota miliyoona 18’n jaalatame.
Jeneer dubartii jalqabaa miidiyaa hawwaasaa irratti hordoftoota miliyoona 300 argattedha. Dhiirota keessaa ammoo Liyonel mesiinis sadarkaa kana irra gaheera.
Waancaa Addunyaa 2022 ‘uggum kubbaa miilaa’ jechisiisan
Waancaa Addunyaa 2022 irratti walumaagalatti taphawwan 64 gaggeefamanii, gooliiwwan 172 galaniiru.
Qophii cidha guddaa waggootaaf Qaataar taasisaa turteefi hedduu dinqisiifame kun Arjentiinaa warra Liyoneel Mesii mushurroo taasisuun goolabame.
Arjentiinaan kuftee ka’aa xumura waancaa irra gahuun ishee hedduu ajaa’iba ture.
Garee Sa’ud Arabiyaatiin gaafa mo’amtee wanta namni hin eegiin mudate maaltu kana geessi jedhee yaadee jira.
Kana qofa miti taphni dhumaayyu sa’aatiin dabalataa gargar isaan baasuu dadhabee hanga peenaaliitiidhaan Faransaay mo’attee Shaampiyoonaa taatutti diraamaa taa’umsatti osoo hin taane dhaabatanii ilaalan.
Waancaan Addunyaa kun Argentiinaaf sadaffaadha- wagga 36 booda kan argatteedha.Wanti biraan qophii Waancaa Addunyaa 2022 kana adda godhu yeroo jalqabaatiif Baha Giddu-galeessaa biyya Arabaa keessatti qophaa’uu isaati.
- Kanaan alatti wantonni yaadataman biroo shan kunooti:Seenaa Waancaa Addunyaa wagga 64 keessatti taateewwan hunda caalaa nama aarsan
- Rukkuttaa muraasa…gooliiwwan hedduu
- Kaardii kelloofi diimaa…daqiiqaa bakka gubate dabalaman
- Taphattoota umuriin ijoollees
- Taphattoota buleeyyii gurra guddaa qaban irratti mul’ataniiru.
Taphataa ‘guyyaa tokkotti nyaata ja’aa…tapha tokkotti goolii ja’aan’ beekamu- Haalaand
Bara 2023 keessa taphataan lammii Noorwey umuriin isaa waggaa 22 ta’e erliing Halaand ijoo dubbii ta’eera. Taphataan kilaba Piriimer Liigii Ingiliiz, Maanchester Siitiif taphatu kun umurii kanatti goolii lakkoofsisuun rikkardii baayyee cabsuun addnyaa ajaa’ibsiiseera.
Halaand nyaatanis addadha. Erliing Haalaand guyyaatti nyaata gosa jaha nyaata. Hiriyyootni isaa ‘akka namaatti osoo hin taane akka bineensaatti nyaata’ jedhuun.
Tiruufi onnee horii nyaachuun kan beekamu Haalaand, haalli soorata isaa namoota hedduu raajeffachiiseera.
Guddinni qaama isaas taphattoota sarara ittisaaf yaaddoo kan tahe Haalaand, umurii isaa ganna 22’n rikardii hedduu harka galfataa jira.
Haalaand guyyaatti nyaata kaaloorii 6,000 qabu soorata, kun baay’ee guddaadha jedhu ogeessotni. Garuu warra Noorweey hojjaa dhedheeraafi ulfaatina guddaa qaban akka Haalaandiif kun nyaatuma gahaa jedhamudha.
Arsenaal wagga guutuu dursaa turee waancaa dhabuu
Piriimer Liigii Ingiliiz bara 2022/23 Arsenaal shaampiyoonaa ta’a jedhamee osoo eegamuu, Maanchester Siitiin duubaan dhufee bira darbuun gonfateera.
Deeggartoonni Arsenaal wancaa waggaa 19 dura a argan barana itti deebina jedhanii hedduu abdatanii turan.
Seenaa isaa keessatti waancaa Piriimer Liigii sadii kann mo’ate Arsenaal, erga bara 2004 tapha tokko osoo hin mo‘amiin waancaa argatee booda deeggartoonni isaa dharraa waancaa qaban abdii kutatanii turanii bara kana itti dhiyaatanii harka aba’eera.
Arsenaal bara kana guyyoota 248 Piriimer Liigii keessatti dursaa turuun gara dhumaatti akka malee sigigaachuun isaa hedduu ajaa’iba ta’eera.
Liiverpuul Maanchester Yunaayiidiin 7-0n mo’achuu
Liiverpul fi Maanchester Yunaayitd kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti masaanummaa dheeraa waliin qabanidha.
Waancaa Liigichaa mo’achuun seenaa walitti dhiyaatu waan qabaniifis taphni isaani gidduutti gaggeeffamu akka addaatti ilaalama.
Bara kana garuu Liiverpuul manchester Yunaayitidiin 7-0f mo’achuun waarii qaanii itti uffiseera. Liiverpuul maanchesteriin garaa garummaa akka kanaatiin yoo mo’atu seenaa isa keessatti kan jalqabaati.
Atakaaroo leenjistoota gidduutti uumame
Bara dorgommii kanatti Piriimer Liigii Ingiliiz keessatti leenjistoonni 15 ari’amaniiru, baayyeen ammoo qcaramaniirus.
Chelsiin Tomaas Tucheliin, Tootenhaam ammoo Antooniyoo Kontee leenjisaa isaanii godhachuun ture kan Piriimer Liigii bara kana ajalqaban. Garuu kilaboonni lamaan leenjistoota kanaan itti hin fufne.
Hagayya darbe kilaboonni lamaan yeroo waliin taphatanitti taphattoota caalaa kan dhiigni danfee leenjistoota garee lamaanii ture.
Yeroo taphni hokkaraan guutame xumurametti leenjistoonni lamaan harka wal fuudhuuf walitti dhiyaatan. Yeroo kanatti ture leenjisaa lammii Jarman kan ta’e Tucheel leenjisaa lammii Xaaliyaan kan ta’e Konteen sirriitti harka na hin fuune jechuun dallane.
Isaan booda wal arrabsuurra darbanii hanga shimalaan wal kajeelanitti gaafa qaqqabu, namoonni gidduu seenaniin gargara qaban.
Gaaffiifi deebii Kiristaanoo Ronaaldoo
gaaffiifi deebii Kiristaanoo Ronaaldoo Sadaasa keessa Piirs Morgaan waliin taasise addunyaa kubbaa miilaaf ijoo dubbii ta’ee ture.
Taphataan addunyaa irratti gurra guddaa qabuuf badhaasa guddicha kubbaa miilaa Baalaan door si’a shan kan mo’ate Kiristaanoo Ronaaldoo,, leenjisaa Maanchester Yunaayitid qeequurra darbee arrabsuurra gaheera.
Leenjisichaaf “kabaja hin qabu” jechun dubbate.
Leenjisaan kun Kiristaanoo Ronaaldoo akka Maanchester Yunaayitid keessaa ba’u akka barbaadu hime.
Ronaaldoon tapha Maanchester Yunaayitd Tootenhaam waliin taphate irratti daqiiqaa dhumaarratti akka jijjiiramee galuuf gaafatamee diduu isaatiin Teen Haag waliin mufii keessa galanii ture.
Kiristaanoo Ronaaldoon gaaffiifi deebii kanana booda ture kan gara Sa’ud Arabiyaatti qajeele.
Obaamiyaang fi Arsenaal
Piyeer Emeerik- Obaamiyaang mufiidhaan ture bara 2022 kan Arsenaal gadhiise.
taphataan lammii Gaaboon umuriin isaa waggaa 33 kun sadaasa darbe yeroo Arsenaal Cheslsii waliin taphatetti Chelsiif hiriiree ‘aamma ani Cuquliisa ta’ee isiniif dhufeera,” jedhe.
Tapha sana garuu Arsenaal 1-0n Chelsii mo’ate. Tapha sanarratti Obaamiyaang si’a saddeti qofaa ture kubbaayyu kan miilaan tuqe. Isaan booda daqiiqaa 63ffaa irratti jijjiiramee bahe.
Gocha Maartiineez waltajjii Waancaa Addunyaarratti agarsiise
Waancaa Addunyaa Qaataar Sadaasa darbe keessumeessite irratti wantota ijoo dubbii ta’an hedduun mudatanii ture. Isaan keessaa tokko gocha karra eegaan Arjentiinaa Emiliyaanoo Maartiineez waltajjiirratti agarsiise hedduun ‘maal jechuu barbaade’ jechuun wal gaafachiiseera.
karra eegaan kun aanga’oota olaanoo Qaataariifi FIFA duratti akkaataa inni itti waancaa qabate safuu kan hin eegne ture.
Adabbii penaaliitiirrattis tooftaa Maartineez akka shibbisuufi utaaluu ta’uun warra itti dhiitan burjaajesses akkasuma ijoo dubbii ture.
Keessumaa shubbisa inni taphattoota garree biyyaalessaa Firaans duratti agarsiise kaan bashannaniisiisee, kaan ammoo mufachiiseera.
Shakiiraa fi Piikee
Gosa muuziqaa Poop jedhamuun hedduu kan beekamtu lammiin Kolombiyaa Shakiiraan, jaalalleesheefi abbaa ijoolleeshee taphataa Baarseloonaa Jeraard Piikee ilaalchisuun sirba isa arrabsu Sadaasa keessa baasteetti.
Shakiiraan Waancaa Addunyaa Afrikaa Kibbaa qopheessite irratti sirba dhiyeessuuf yeroo deemtetti, Piikeen ammoo biyya isaa Ispeen bakka bu’ee taphachuuf yeroo deemetti wal arganii hariiroo uummatan.
Shakiiraan umuriin isa caaltullee, ‘dubbichi dubbii jaalalaa’ ta’ee ergasii waggaa 10 ol waliin jiraataniiru.
Turtii waggaa 10 booda garuu Piikeen dubartii biraa waan jaallateef, sirba ishee kaanaan hedduu cigdeetti.
sirbichis yeroo sanatti sa’aatii gabaabaa keessatti daawwattoota miliyoonaan argachuutiin rikkardii qabatee ture.
Milkaa’ina Reksihaam
Kilabiin biyya weels Reksihaam Yunaayitid milkaa’ina bara kana agarsiiseen namoota hedduu ajaa’ibeera.
Kilabiin kun milkaa’uu kan jalqabe ammoo erga taatoowwan Holii-wuud keessatti bekamoo ta’an Yraayan Reyinooldis fi Roob Maakeelniin bitaniidha.
Tapha Reeksihaam gara sadarkaa liigii itti aanu ‘League Two’tti guddachuuf taasie ‘ajaa’iba’ jedhameera.
Abbootiin qabeenyaa kunneen lamaan kubbaa miilaaf haaraa ta’aniyyu, amma garuu yeroo rafanii ka’anittillee waa’eedhyuma kubbaa miilaa odeessaa jiru/.
Kilabni kunis ganna dhufu kana taph amichummaa kilaboota Piriimer Liigii Ingiliiz waliin taphachuuf karoora qabateera.
Maanchester Yunaayitif fi Chelsiin ammoo kilaboota Piriimer Liigii keessaa tapha michummaa kanaaf fialatamanidha.