Dhuguma dubartoonni yeroo kaan caalaa bara kana keessa miirri aarii itti dhagahamaa jiraa laataa?
Gabaasi waggaan dhaabbanni Gallup’n jedhamun ba’e akka ibsutti, dubartoonni walumaagalatti addunyaa maraa irratti waggootii 10 darban keessatti aariin isaanii dabalaa dhufeera.
BBC’n gabaasa qorannoo Gallup World Poll waggootii 10 darbanii irraa akka hubateetti, dubartonni aariin isaanii dabalaa jira.
Wagga waggaan qorannoon kun biyyootii 150 ol keessatti namoota 120,000 ol waliin gaaffiifi deebii taasisuun guyyaa sana dura miirri akkamii akka itti dhaga’ameeruufi gaaffii biroo gafata.
Miira nagatiivii keessumaa kan akka aarii, gadda, dhiphinaafi yaaddoo yeroo ilaalu dhiirota caalaa dubartoonni miira kana qabaachuu hima.
Qorannoo BBC’n taasise akka mul’iseetti ammoo, bara 2012 as dhiirota caalaa dubartootatu miira gaddaa fi miira dhiphinaa qabaachuu hima, ta’us miirrii koorniyaa lamaanii dabalaa deemeera.
Gama miira aarii fi yaaddoon garuu garaa garummaan koorniyaa lamaan jidduu jiru bal’aadha. Bara 2012’tti korniyaan lamaan miira aarii fi dhippuu sadarkaa wal fakkaataarra ture, waggaa sagal booda dubartoonni garaagarummaa parsantaa ja’aan dhiirota caalaa aarii fi dhippuun itti dhaga’ama.
Kun oggeetti xiinsammuu U.S, Saaraa Harmoon gabaasa ajaa’ibiise miti. Jalqaba bara 2021’tti maamiltoota ishee dubartoota muraasa waliin dirreetti ba’uun iyyaniiru.
Waggaa tokko booda ammas deebitee dirreetti baate. “Iyya isa kanadha kan hedduu beekame,” jetti.
Sana booda gazexeessitoonni addunyaa maraa irraa isheef bilbiluu eegalani.
Miira dubartoota bakka hunda jiranitti dhaga’amu akka barte amante, miira dhippuu fi aarii cimaa erga weerarri covid-19 dhufee itti gaafatamummaa itti dabalamuun dhufedha.
Qorannoon bara 2020’tti abba manaa fi haadha manaa Ingilaand 5,000 ta’an irratti dhaabbata Qorannoo Fiskaaliin taasifameen, haadholiin yeroo weerara kanaatti abbootii caalaa itti gaafatamummaa mana keessa fudhataniiru.
Sababa kanaan sa’aatii hojii idilee isaanii hir’asaniiru. Yeroo haatii abbaa caalaa miindaa foyya’aa qabatus haalli isaa walfakkaataa ture.
Biyyoottii tokko tokkotti adda addummaan sadarkaa miira aarii dubartoota fi dhiirota gidduu jiru, sadarkaa walii galaa addunyaa irra kan caaludha.
Bara 2021’tti gara garuumman Kamboodiyaa keessa ture %17 yoo ta’u, Indiyaa fi Paakistaan keessatti ammo &12 ture.
Oggeettiin fayyaa xiinsammuu Dr Lakshimi Vijayaakumaar, kun sababa dubartoonni biyyootii kunneen keessa jira barnoota, hojii fi galii of danda’a qaban ta’an lakkoofsaan dabalaa dhufeefi jettee amanti.
“Yerooma kanatti ammo, aadaa, sirnaa fi bulchiinsa olaantummaa dhiiraa leellisuun gadi qabamanii jiru,” jetti. “Adda addummaan sirna olaantummaa dhiiraa leellisu mana keessa jiruu fi ofiin of danda’uun dubartii manaa ala jiru aarii hedduu uuma.
Bara duriitti, dubaartiin aariishee ibsachuun akka waa sirritti hin ilaalamu ture kun garuu amma jijjiramaa jira jettee amanti. “Amma hanga tokko miira isaani ibsachuu danda’u, kanaaf aarii hedduun jira.”
Dhiibbaa weerarri covid-19 hojii dubartootaa irratti uumees sababa aarii kanaa isa tokko ta’uu danda’a.
Bara 2020 dura hirmaannaan bakka hojii dubartootaa suuta foyya’aa akka ture saayintistiin odeeffannoo UN Dubartoota, Jineet Azkoonaa ni himti.
Ta’us garuu bara 2020 keessa hir’achaa dhufe. Bara kana lakkoofsi dubartootaa bakka hojiitti biyyootii 169 keessatti isa bara 2019 gadi ta’a jedhamee tilmaamama.
Ameerikaa keessatti dhibbaa weerarri kun dubartoota irratti uume ilaalchise waan bayyee barreeffameera ta’us garuu gabaasi qorannoo Gallup dubartoonni US dhiroota caalaa aarii qabu kan jedhu hin mul’isu.
Gama biraan, dubartoonni US dhiirota caalaa miira dhippuu fi gadda akka qaban gabaasu.
Kun bakka biraattis dhugaadha. Biyyootii akka Biraazil, Yuragaay,Peeruu, Saaypiras fi Giriis keessatti lakkoosi dubartoota miira dhippuu keessa jiranii kan dhirootarra ni caala.
Boliviyaa fi Ekuwaador keessatti dubartoota gaafataman keessaa wlakkaa kan ta’an miira gaddaa keessa akka turan himaniiru – kun kan dhiirota irra %15’n caala.
Biyyootii kunneen keessatti dubartoonni dhiiroota caalaa miira hamaa itti dhaga;amu gabaasuun isaanii bara 2012 irraa eegalee bayyateera, biyyootii hedduu keessatti kun kan hammaachaa jiru fakkaata.