Buqqaatonni naannoo Tigiraay gargaarsa namoomaa dhabnee rakkoo keessa jirra jechuun hiriira mormii bahan.
Dabalataan buqqaatotni kunneen gara qe’ee isaaniitti deebi’uu akka barbaadan hiriira mormii har’a ganama gaggeessan irratti himaniiru.
Buqqaatonni kunneen irra caalaan isaanii Lixa Tigiraay, iddoowwan gaaffiin abbumaa lafaa irratti ka’u irraa yoo tahan, humnoonni Naannoo Amaaraafi kaan naannoo Tigiraay keessaa akka ba’aniifis gaafataniiru.
Har’a Maqalee, Addigiraat, Aksuum, Abiiy Aaddii fi Shiree akkasumas magaalota kaan keessatti hiriirri nagaa gaaffii gargaraa kaasu adeemsifameera.
Obbo Binagaa Gu’aash haadha warraasaanii fi ijoollee isaanii wajjin nyaatanii dhuganii, kolfanii manaafi qe’ee keessatti kabajamanii jiraatanirraa erga fagaatanii yeroon dheeraa darbeera.
Sababa waraanaan qabeenya isaanii dhabanii lixa Tigraayi irraa kan buqqa’an Obbo Binagaan yeroo ammaa kaaba-lixa magaalaa Shiree Indaasillaaaseetti jireenya baqaa hin barre jiraachaa jiru.
Obbo Binagaan hiriira irratti hirmaatanii gara iddoo jireenyasaaniitti yeroo deebi’an argannee isaan dubbisne.
Waraanni waggootaan dura Tigraayitti jalqabe hordofee, ‘’danbalii baqannaa gaddisiisaa fakkaata ture,’’ jechuun yaadatu.
Amma gara qe’ee dhalootaa isaaniitti deebi’uu barbaadu, iddoo gidiraa isaan yaadachiisu keessa turuu hin barbaadan.
‘’Yeroos godaanne, lafoofi konkolaataan yaane. Nama gaddisiisa. Guyyaa tokkotti qofa namni kumootaan lakkaa’amu dhiisee bahe,’’ jechuun laphee cabaan dubbatan Obbo Binagaan.
Waraanni kuni waggootaaf tura, buqqaanee yeroo hanga kanaa turra jedhanii yaadanii akka hin turre BBCtti himaniiru.
‘’Garuu ibiddi itti fufee dhufe. Kunoo hamma yoonaa Shiree Indaasillaasee keessa turre.’’
‘’Maali gooneeti kan gara qe’ee keenyaatti kan nun deebisne?’’ jechuun gaafatu.
”Gaaffii kana buqqaatota miiliyoona tokkoo ol Tigraay keessa jiraniitu kaasa.”
Waa’een buqqaatota lixa Tigraayi,’’akka sirba takka jaalatamee, yeroo kaan bahu irraanfatamuuti, beelaafi qorraaf saaxilamneerra,’’ jedhu.
Akka isaan jedhanitti buqqaatonni manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi sadarkaa lammaffaa keessa jiran ji’oottan saddeet darbaniif gargaarsa namoomaa hin arganne.
‘’Namni looccuu, hantuutaa fi bofa wajjin jiraachaa jira. Baatii saddeetiif midhaan hin arganne ture. Namni tokko guyyaa, guyyaatti nyaachuu qaba, yeroo dhukkubsannu yaalamuutu nurra jira. Garuu waantonni bu‘uuraa dhala namaaf kennaman nuuf hin kennamne,‘‘ jechuun gaaffiin hiriirtotaa tokko gargaarsa namoomaa akka tahe dubbatu.
Shiree keessa buufataaleen buqqaatotaa 18 ol akka jiran qindeessitoonni buufataalee kunneenii dubbatu.
Obbo Binagaan, ‘’mootummaan federaalaa lammiilee akka taane yaada taanaan gara qe’ee keenyaatti nu haa deebisu, mana qabna gara mana keenyaatti haa gallu,‘‘ jedhu.
Obbo Binagaadhaan buqqa’uu keessaniin dura jireenyi keessan akkam ture gaaffii jedhu dhiyeessineefi.
Gaaffii kana booda miirri isaanii geeddarame, yaada isaanii ibsachuuf rakkatan.
‘’Amma madaa kooti tuqame, sababiinsaas dhukkubbinsaa jechaan hin ibsamu. Godaannisa baayyeetu jira, nuti nama otoo hin tahiin, ‘leencaa fi waraabessi wal-lolan jedhamee oduun warra hojjetamuuf wajjin ilaalamuu hin dandeenyu,’’ jechuun seenaa isaanii darbe himuu jalqaban.
‘’Seetiit Humar keessa buufata boba’aa sadii qaba, amma …namni… uummanni keenya waan nyaatu dhabee baala, muka, kasalaafi daaraa nyaachaa jira. Egaa kanuma, karaa hundaanuu babbanneerra. Garuu gaaffii biraa akka na in gaafanne, ‘’ jechuun bilbila cufan.
Shireetti hiriira adeemsifame kan qindeesse Obbo Jambar Girmaayi lixa Tigraayi irra buqqa’e, buqqaatoonni dirree maneen barnootaarra akka jiraniifi dahoowwan isaanii qilleensaafi aduudhaan tarsa’aniiru jedha.
Hiriirri har’a adeemsifame kaayyoonsaa gargaarsi himannaa hannaan dhorkamee jiru akka isaaniif keennamu gaafachuu dha kan jedhu Jambar ofiisaa daldalaa fi abbaa ijoollee sadii akka tahe dubbata. Jireenya waggootan darbaniif maatiisaa wajjin dabarses ulfaataa akka ture hima.
‘’Garri lixaa biyya keenya dha, erga achii baanee garuu wagga sadii taheera. Qabeenyi koo fudhatameera, hoteelli ani qabu ture na jalaa gurgurameera. Amma hojjennee gara jireenya keenya duraatti dhimmi itti hin deebine hin jiru. Garuu hojiin humnoota Amaaraan hojjetamaa jiru dhaabbachuun buqqatonnis gara jireenyasaanii idileetti galuu qabu,’’ jechuun BBCtti himeera.
Kaaba Itoophiyaatti waraanni Onkololeessa 2013 A.L.I Tigraayitti jalqabe gara naannolee Amaaraa fi Affaaritti ce’uun lubbuu namoota danuu gaaga’e, bara 2015 A.L.I hogganoota Tigaraayi fi mootummaa federaalaa gidduutti Afrikaa Kibbaa Piriitootiyaatti waliigaltee dhukasa dhaabuu taasifameen goolabameera.
Waliigalteen kuni raayyaa ittisaa mootummaa federaalaan alatti humnooti naannoo Amaaraas tahe kan biyya alaa waraanicha irratti hirmaatan naannichaa akka bahaniifi lammiileen gara jiruu idilee isaaniitti akka deebi’an gaafata.
Naannoon Amaaraa iddoowwan Tigraay anaaf jedhu keessaa tokko lixni Tigraay yeroo ammaa kana bulchiinsa naannicha jala akka jiru hima.